Godiina Gojjam Bahaa magaalaa Moxaa Qaraaniyoo keessatti Jimaata torban dabree hidhattoonni Faannoo humnootii Mootummaa irratti haleellaa geesisuu isaanii hordoofee mooraa Bataskaana Dabra Qaraaniyoo Madhaaniiyaalem keessatti namoonni nagaa 7 ajjeefamuu tajaajiilaan Bataskaanaa namnii ta’ee fi jiraattonni iddoo sana turre jedhan ibsaniiru.
Kanneen ajjeefaman kun yeroo itti ajjeefaman guyyaa tokko dursee molooksee du’an tokkoof awwaalcha qotaa kan turan miseensoota Afooshaa 6 fi inni torbaffaan immo barataa baruumsa Amantii akka ta’an jiraattonni ibsan.
Dhukaasnii ganamaan ture erga tasgabaa’ee booda molooksee du’aniif sirna kadhataa gaggeessuuf jecha erga karaa jalqabanii booda dhukaasa dhaga’uu isaaniin gara mooraa bataskaanaatti deebi’uu isaanii tajaajiilaan ibsan namoonni 7 ajjeefamuus barree jedhu.
Dhimma kana irratti yaada isaanii akka kennaniif itti gaafatamaa waajiira komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Amaaraa Dr. Mangashaa Faantaa akkasumas ministeera tajaajiila koomunikeeeshin mootummaa Feedeeraalaa Dr Laggasaa Tulluuf bilbila harkaa isaanii irratti bilbilamuus waan hin kaafneef jecha deebii isaanii argachuu hin dandeenye.
Komiishiina mirga namoomaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan dame Baahir Daar Obbo Allabbaachew Birhaanuu odeeffannoon kun Komiishiinicha dhaqqabuu isaa fi dhimmicha qorataa akka jiran ibsan. Jechuun Ateer Misgaanaaw gabaastee jirti.
Forum