Prezidaant Joo Baayiden bulchiisnii isaanii warra osoo eyyama Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachuu hin qabaatiin lammii biyyattii waliin fuudhaa fi heeruma raaw’atanii jiraniif seera eegumsa taasisu Kibxata darbe raggaasisaniiru. Akkasumas Waggaa 12ffaa seeraa “DACA” (Daakaa) jedhamee beekamu, isa ijoolleewwaan matii isaanii wajjin eeyyama seeraa qabeessa ta’e malee Yunaayitid Isteetis seenaniif eegumsa taasisus akka kabajan beeksisanii jiru. Dhimma kana irratti gabaasa Aniitaa Paawel Waayit Haawus irraa VOA dhaaf qopheesite Bafiqaaduu Morodaa tu dhiheessa.
Forum