Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walloo Kaabaa, Urgeessaatti Lola Ka’een Jiraattonni Hidhannoo Hin Qabne Du’uu fi Madaa’uun Himame


FAAYILII - Meeshaa waraanaa yeroo lola Kaaba Itoophiyaa keessaa barbadaahe, Caamsa 1, 2021.
FAAYILII - Meeshaa waraanaa yeroo lola Kaaba Itoophiyaa keessaa barbadaahe, Caamsa 1, 2021.

Naannoo Amaaraa godina Walloo kaabaa aanaa Habiruu magaalaa Urgeessaa kessatti kamisa darba Waxabajjii 13 bara 2016 alitti dhukaasa humnootii ittisa biyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti raawwatameen jiraattonni naannoo hidhannoo hin qabaanne ajjeefamuu fi madaa’uu jiraataan magaalattii sodaa nageenyaaf maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan VOAf ibsaniiru.

Sodaa nageenyaaf maqaan isaanii akka jijjiiramu kan gaafatan hojjetaan buufata fayyaa Urgeessaa, guyyaa sanatti miidhaan irra ga’ee kan dhufan jiraattonni magaalattii saddeeti wal’aansa fayyaa argachuu isaanii mirkaneessaniiru.

Sababaa rakkoo nageenyaan namoonni miidhaan irra ga’e jiraachuu kan ibsan bulchaan aanaa Habiruu, lakkoobsa miidhamtootaa himuuf qorannaan geggeessamaa akka jiru VOAf ibsaniiru. Magaalaa Urgeessaatiin ala naannolee aanaa Habiruu keessatti rakkoon nageenyaa jiraachuu kan tuqan bulchaa kan ta’an Huseen Mehaammed, jireenya uummataa kan guyyuu irratti dhiibbaa uumuu isaa dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG