Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Sababaa Wal Waraansan Bakkawwan Adda Addaarraa Buqqa’an Maqaleetti Hiriira Bahuun Akka Gara Qe’ee Ofiitti Deebifaman Gaafatan


FAAYILII - Magaala maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala maqalee, naannoo Tigraay

Sababaa wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa keessatti gaggeeffame irraa kan ka’e Tigraay keessa bakka adda addaa fi naannoolee bulchiinsa naannoo Amaaraa daangeessan irraa namoonni buqa’an waxabajjii 30 dura gara qe’e isaanti akka deebianiif gaafatan. Kanas hiriira nagaa Dilbata kaleessaa magaaloota adda addaa Tigraay keessatti irra deebiin gaggeessaniin gaafatan.

Magaalaa Maqalee keessatti kanneen hiriiranii fi kanneen kuma hedduun lakka’aman kun mootummaan akkuma waadaa seenee sanatti Waxabajjii 30 dura gara qe’e keenyatti nu haa deebisu jechuun gaafatan. Hiriira kana irratti buqqaatonni irra deddebiin hiriira ba’u isaanii kan ibsan bulchiinsa yeroo Tigraayiif prezidaantii kan ta’an Obbo Geetaachew Raddaa hiriirrii ammaa kun isa dhumaa ta’a jedhan.

Walii galtee neegeenyaa sana booda akka qe’e isaanti deebi’an gochuu Dhaba keenyaaf bulchiinsii keenyaa fi mootummaan Feedeeraalaa akkasumas qaamoonni dhimmi kun isaan ilaallatu hudii itti gaafatama akka fudhatan Obbo Geetaachoon ibsanii jiru Buqqaatoota kana hojiin deebisuu rakkoon nageenyaa ituu hin uumamiin xumuuruuf akka hojjatamuu prezidaantiin kun ibsanii jiru.

Gama kaaniin waggaa waggaan Waxabajjii 15 kan kabajamuu guyyaan wareegamtoota Tigraay sambata dabree siidaa wareegamtootaaa Maqalee keessatti argamu jala ililliia ykn Abaaboo kaa’uu fi dungoo ibsuun yaadatamee oluu isaa Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG