Artist Amaanu’el Habtaamuu dabalatee galmee isaa jala kanneen jiran namoonni 17 wabiidhaan gad dhiisamanii jiru. Hidhamtoonni kun mirgi wabii erga eeyamameefii guyyoota 5 booda gad dhiisamuu isaanii abukaatoon isaanii Ayyaaleew Bitaanee dubbataniiru.
Gama biraatiin dura taa’aa IHAPA kan ta’an gargaaraa profeessoraa Zinaabuu Abarraa dabalatee, yeroo labsii yeroo muddamaa kanneen to’annaa jala oolan shakkamtoonni 9 wabii dhaan akka gad dhiisaman manni murtii federaalaa murtii inni kenne hojii irra akka oolu manni murtii walii galaa ajajuu isaa abukaatoo Solomon Gezzaaheny ibsaniiru. Haa ta’u malee hidhamtoonni kun hamma galgalaatti akka gad hin dhiisamin itti aanaa prezidaantiin IHAPA Megabe Biluy Abrahm Haimanot dubbataniiru.
Forum