Biyya yeroo tokko sanyiin gargar qoodamuun gochi gara jabummaan raawwatamaa ture Afrikaa Kibbaa keessatti mootummaan gamtaan haaraan hundeeffame pirezidaantii Gurraacha fi hogganaa mormituu warra adii fakkii tokkummaatiin walitti fidee jira.
Ta’us waliigaltee aangoo qooddachuu torban tokko dura paartii Kongireesii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) kan Pirezidaantii Siiriil Raamaafoosaa fi paartiilee Afrikaa Kibbaa warra adiin durfaman muraasa keessaa tokko kan ta’e paartiin Demokraatik Alaayans(DA) gidduutti mallatteeffame osoo hin beekin wal qoqqoodinsa sanyii tokko tokko haaraa kaasaa jira.
Lammiileen Afrikaa Kibbaa Gurraachooota ta’an hedduun paartiin warra adiin durfamu tokko gamtaa uumameen illee haa ta’u aangootti deebi’uu isaatiin akka isaan hin gammachiifne ibsaniiru.
Biyyattiin sirna appaartaayid bulchiinsa warra adii xiqqaan waggoota 30 dura kan xumurame ta’uus garuu ammallee Gurraacha harka caalan keessaa kanneen miliyoonaan lakkaa’aman gara laafina tokko malee mootummaa warra adiitiin cunqurfamaa turan fi dhimmoota hiyyummaa fi walqixxummaa dhabuu amma iyyu furmaata hin arganneen miidhamni itti dhaga’amaa jira.
Afrikaan Kibbaa erga sirni Appaartaayid xumuramee as yeroo kamiyyuu caalaa amma ,namoota adii aangoo mootummaa olaanoo irratti arguuf carraan ishee mudateera. Namoonni adiin ummata biyyattii miliyoona 62 ta'u keessaa naannoo harka 7 ta'u.
Xiinxalaan siyaasaa Anjeloo Fiik akka jedhanitti paartiin Demokraatik Alaayans (DA) ija lammiilee Afrikaa Kibbaa hedduu duratti ''miira warra adiif ta'uu'' kan qabu yoo ta'u, ''yaaddoo waa’ee sanyii Gurraachota Afrikaa Kibbaa irraa dhufu dubbachuuf, guutummaatti fedhii dhabuun'' kana uumee jira jedhan.
Forum