Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ho'i Hamaan Guutummaa Yunaayitid Isteetis Keessatti Yeroo Itti Fufee Jirutti, Lolaan Roobaa Giddu-Galeessa Lixaa Biyyattii Rakkisaa Jira


Ijoolleeoo'a jiru irraa damdamachuuf bishaan keessa tabatan, Waashingitan Diisii, Waxabajjii 19, 2024.
Ijoolleeoo'a jiru irraa damdamachuuf bishaan keessa tabatan, Waashingitan Diisii, Waxabajjii 19, 2024.

Ho'i hamaa fi namatti hin tollee Yunaaytid Isteetis guutuummaa keessatti kan itti fufu yoo ta'u lolaan bishaan ammoo biyyatti giddu galeessa dhiyaa keessatti rakkisaa jira.

Lammiileen Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’aman dhuma torban dabree ho’a aduu gubaa ta’e keessatti dafqaa loolaasaa kan turan yoo ta’u jiraattonni kutaalee giddu galeessa dhiyaa immoo rooba irraa balaa lolaa bishanii mudateen baraarfamaa fi manaa fi qe’e irraa guutummaatti akka baqatan dirqisiise jira.

Bulchaan kutaa Saawuz Daakootaa Dilbata kaleessaa akka jedhanitti balaa lolaa bishanii mudateen namni tokko achitti du’eera. Bulchaan kutaa Ayowaa konyaalee 21 keessatti labsii yeroo balaa labsan. Naannoleen tokko tokko guyyoota darban sadii keessatti rooba hanga inchii 15 tu roobe.

Walakkeessa Atlaantiik irraa kaasee hanga Meeynitti, naannoon Great Lakes jedhaman akkasumas guutummaa Dhiha biyyttii hanga Kaalifoorniyaatti qondaaltonni mootummaa balaa ho’aa fi nama ukkaamsuu hamaan jiraachuu isaa jiraattota akeekkachiisaniiru.

Raagdonni qilleensaa akka jedhanitti jalqaba torban kanaa Kibba Bahaa biyyati, kutaalee Kibbaa fi dirreelee Teksasa Kibbaa keessatti ho’i kun itti fufa.

Forum

XS
SM
MD
LG