Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walittibu’insa Magaalaa Gambeella Keessatti Dilbata Darbe Uumameen Namoonni Lama Ajjeefaman


FAAYILII - Magaala Gambeella, Naannoo Gambeellaa
FAAYILII - Magaala Gambeella, Naannoo Gambeellaa

Naannoo Gaambeellaa , magaalaa Gaambeellaatti Dilbata darbe gaafa waxabajjii 16 bara 2016 walitti bu’insi uumameeru wiixata kaleessaas itti fufee turuu isaa namni nageenya koof nan sodaadha jedhanii maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka namni kun jedhanitti dilbata galgala naannoo sa’aatii sadii irraa kaasee sagaleen dhukaasaa dhaga’amaa turuu kan ibsan namni kun namoonni ajjeefamuus sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Hoogganaan Hospitaala walii galaa Gambeellaa Obbo Roon Goonyi Dilbata galgala jeequmsa jalqabeen namoonni madaa’anii gara hospitaalichaa dhufaniiran yaala argachaa jiraachuu himanii namni tokkommoo du’eera jedhaniiru.

Hospitaalli Riifferaalaa Gaambeellaammoo gama isaan namoonni Afur miidhaa cimaan kan irra ga’eeru yaala argachaa akka jiran ibsee namni tokko du’uus ifoomseera. Hooganaan biiroo nageenyaa Naannoo Gambeellaa Obbo Baagool Jook walitti bu’insichaan namoonni lama du’uu fi namoonni Afur madaa’uu isaanii ergaa gabaabaan nuuf deebisaniin ibsaniiru.

Walitti bu’insi dilbata galgala magaalaa Gaambeellaatti jalqabe kun wixata kaleessaas itti fufee jiraachuu fi sochiin illee addaan cite turuu jiraattoonni sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan ibsaniiru jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gebire Medihiinitu gabaase

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG