Wayita miseensonni seera tumtootaa Keeniyaa seera daballii gibiraa irratti falmii taasisaa jiranitti Pooliisiin biyyaattiimmoo namoota hiriira mormii daballii gibiraa kanaaf ba’anirratti dhuukaasa gaaza imiimmaansuu banuun addaan bittimseera. Kibxata kaleessaa magaalaa Naayiroobii keessatti humni pooliisii guddaan kan bobbaafame yommuu ta’u namoonni hiriira mormii daballii gibiraaf ba’an gara waajjira paarlaamaa biyyattiitti akka hin dabarres dhorkaa tureera.
Guyyoota dhiyoo as Keeniyaa keessatti sochiin mormii daballii gibiraa karaa tooraa Inteerneetiin kan dargaggootaan hoogganamu jalqabera. Mootummaan biyyattii gama isaan daballiin gibiraa kun dhala liqaa biyyoota alaa biyyattiirratti guddateeru kaffaluuf akka barbaachise ibseera. Bakkoota baay’eetti hiriirichi karaa nagaa kan gaggeeffamaa jiru yommuu ta’u gareewwan mirgaaf falman kan biyya keessa fi idil addunyaa torban darbe keessa namoonni lama hiriira kanarratti ajjeefamuu fi namoonni hedduun seeraan ala to’annaa jala oolfamuus gabaasaniiru.
Seera tumtoonni Keeniyaa daballii gibiraa daabboo, abbootii Konkolaataa fi daddabarsa maallaqaa dabalatee daballii gibiraa taasifamuuf karoorfame tokko tokko haqaniiru. Ministirri faayinaansiimmoo gama isaan jijjiiramni karoora gibiraa kanarratti taasifame hanqina baajetaa doolaara biiliyoona 1.5 uuma jedhe. Hiriirri mormii daballii gibiraa kun Kibxata kana magaalaa Naayiroobiin alattis magaaloota akka Mombaasaa Kisuumuu keessattis taasifameera.
Poolisoonni Keeniyaa Murni Jalqabaa Hojii Naga-eegumsaaf Heyitiitti Qajeelan
Poolisoonni Keeniyaa murni jalqabaa jeequmsa Heeyitii keessatti babal’ate furuuf ramadaman Kibxata Keeniyaa gadhiisanii kan deeman yoo ta’u, torban kana gamas dhaqqabuuf kan jiran ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis beeksisee jira.
Ministeera Nageenya Biyya Keessaa fi Bulchiinsa Biyyaalessaa Keeniyaatti muummicha barreessaa kan ta’an Raaymoond Omooloo, suuraa garee poolisii gara Heeyitii-tti imalaa jiranii Wixata kaleessaa xayyaara keessatti maxxansaniiru.
Rooyitars bakka fi guyyaa isaa mirkaneessuu hin dandeenye.
Osoo hin deemin dura Wixata kaleessaa sirni alaabaa wal harkaa fuuchuu gaggeeffame yoo ta’u, prezidaant Wiliyaam Ruutoon alaabaa biyyoolessaa Keeniyaa angawaa tokko irraa fudhataniiru.
Dura dhaabbannaa mana murtii akkasumas haalli nageenya Heeyitii gad adeemaa deeme kan muummichi ministeeraa baatii Sadaasaa keessa akka aangoo gad dhiisu taasiseen poolisoonni kun bobbaafamuiun irra deddeebiin boodatti harkifate.
Forum