Naannoo Tigiraay keessatti dubartoota irratti ukkamsaa, ajjeechaa fi miidhaan saalarratti hundaa’ee raawwatamu haa dhaabbatu jechuun dubartoonni magaalaa Maqalee keessatti Wiixata darbe hiriira nagaa gaggeessaniiru.
Dubartoonni magaalaa Maqaleetti guyyaa Wiixata kaleessaa hiriira naga ba’uun naannoo Tigiraay keessatti ajjechaan dubartoota irratti raawwatu ukkaamsaa fi miidhaa koorniyaa gidduu galeessa godhatee raawwatamu haa dhaabbatu, dubartoota miidhaan irra ga’eeru haqa akka argatan jechuun gaafataniiru. Warra hiriira qindeessan keessaa tokko kan taate Semhaal Kiduu Naannicha keessatti irra deebbiin dubartoota irratti ukkaamsaan ajjeechaan raawwatamaa waan jiruuf mootummaanis rakkicha dhaabuu daddabuu isaaf gaafachuuf hiriira nagaa ba’uuf akka dirqaman ibsiteetti.
Hirmaattuun hiriirichaa biraan Maartaa Gebire Igihaabeer obboleettii ishee xiqqoo irratti ji’oota Kudhan dura Ajjeechaan raawwatamuu ibsitee namoonni ishee ajjesuun shakkaman Sadii to’annaa jala oolfamanis hanga ammaa murtii akka hin arganne fi haqa obboleettii koo eeggachaa jirra jetteetti.
Itti gaafatamaan biiroo haqaa naannoo Tigiraay Obbo haduush Tasfaa naannichatti yakkoonni dubartoota irratti raawwatamaa jiran gaddisiisoodha jedhanii mootummaan rakkicha hiikuuf ni hojjetas jedhaniiru. Naannoo Tigiraay magaalaa Aduwwaatti ji’oota sadii dura shamarreen waggaa 16 Maahileet Takilaay ukkaamfamuun essa buuteen ishee dhabameen booda torbaan darbe kanneen ishee ukkamsaanii fudhataniiran ajjeesanii akka awwaalaniiran poolisiin baasuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hiriira kanaan alattis Paartileen siyaasaa sadii kan naannicha keessa socho’an Areenaa Tigiraay, Wuddib Tsinaatii fi Baayitoonaan ibsa waloon baasaniin naannicha keessatti seera maleessummaan babbal’achaa dhufeera jedhanii humni mootummaa kana dhaabsiisuu danda’u naannicha keessa hin jirus jedhaniiru Jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Astibahaatu gabaase.
Forum