Faayidaa uummataaf jecha qabiyyeen lafaa kan itti gad dhiisamu hirpha kaffaluu fi kanneen lafa isaanii irraa ka’an deebisanii mirga of ijaaruu kan murteessu labsiin fooyyessuu mana maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaan raggaasiame. Labsiin sun hirpha baasuu gama ilaaleen mootummaa Federaalaa irraa gara bulchiinsa naannolee fi magaalaaleetti dabarsuu dabalatee jijjirama dhimmi murteessuu waliin ilaallate illee baasee jira. Kunis miseensota mana maree bakka bu’otaa biraa gaaffii kaasisee jira.
Labsiin kun waggoota shan dura labsii lakkoobsa 1161/2011n fooyyeffamni kan irratti taasisame yoo ta’u, kibxata kaleessaa Waxabajjii 18 bara 2016 mana maree bakka bu’taatiin sagalee irra jireessaan raggaasisame. Kanneen misoomaaf jecha lafa isaanii irraa ka’aniif hirpha baafamu waliin wal qabatee, ijaarsa misooma bu’uuraa mootummaa Federaalaan raawwatamanii fi ijaarsa tajaajila hawaasaa irratti dhiibbaa inni uumuu fi yeroo gubatu hambisuuf yaadamuu kan taasisame labsiin fooyyeessuu kun, itti gaafatama hirpha baasuu qaamotii bulchiisaawwan naannoo fi kan magaalaatti dabarsee jira.
Qabiyyeen lafaa akka gad dhiisamu kan ta’e, hojii misooma bu’uuraa mootummaa federaalaan raawwatamuu fi babal’isuu tajaajila hawaasummaaf yoo ta’e, hojichi kan keessatti geggeessamu aanaa ykn bulchiinsi magaalaa beenyaa abbootii qabeenyaaf baafamu kan qabeenyaa, deggersa namoota misoomaaf jecha kaafamanii, beenyaa miidhaa dinagdee, hariiroon hawaasummaa adda cituu, miidhaa qoor-qalbiiif baasii ba’u baasuuf dirqamni akka irra jiru murtaa’eera.
Wixinee fooyyeffama labsii kanaa kanneen qopheessan koree dhaabbataa mana maree keessaa tokko kan ta’e koree bu’uura misooma magaalaa fhi dhimmootii geejjibaaf dura teessuu kan ta’an aadde Shewit Shaankaa, naannoleen deggersa mootummaa federaalaa biraa argatanii fi galii ofii isaaniitti dabalee, hirpha kana baasuu bajati yaada keessa galche akka qabamuufis tuqaniiru.
Fooyyeffamni kun labsii kana duraa irra kan ture abbootii qabeenyaaf seerawwan fayyadan kan duubatti deebisuu fi dhimmootiin beenyaa gara naannoleetti naannossuun dhiittaa mirga namaa dhaqqabsiisa jechuu dhaan daayirikterri kutaa mirgootaa kan komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa fi mirga hawaasaa Dr. Braayitmaan G/Mikaa’el dubbataniiru jedha gabaasi Kenedii Abaatee Finfinnee irraa erge.
Forum