Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigaltee Wal Hubannoo Ulaa Galaanaa Somaaliilaand Ilaalchisee Ragaan Miidiyaa Hawaasaa Irratti Bahe Kijiba, Jetti Itiyoophiyaan


Dubbii Himaa Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Nabiyyuu Tadlaa, Finfinnee, Ebla 18, 2024
Dubbii Himaa Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Nabiyyuu Tadlaa, Finfinnee, Ebla 18, 2024

Walii galtee wal hubannoo ulaa galaanaa Somaaliilaand waliin irra ga’ame ilaalchisuu dhaan miidiyaalee hawaasaatiin ragaaleen dogoggoraa tamsa’uu isaanii mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Itiyoophiyaan walii galtee wal hubannoo sana haquuf murteessuu isee qabiyyee qabu kan ibsu ragaan tamsa’uu isaatti aansuu dhaan waajjirri muummicha ministeeraa deebii kennee jira. Uummatis ragaa dogoggoraa kana irraa akka of eeggatu waajjirichi Roobii kaleessaa Waxabajjii 19 bara 2016 galgala masariitii isaa irratti ibsa maxxanseen beeksiseera. Ragaa dogoggoraa ka jedhe garuu waajjirri muummicha ministeeraa mul’inatti hin ibsine.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Nebiyyuu Tedilaa walii galteen wal hubannoo sun sadarkaa inni irra jiru ilaalchisee yeroon isaa ennaa ga’u ibsama jechuu dhaan VOAf himaniiru. Oduu wal qabateen Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderri Somaaliyaa Abukar Osmaan, loltoonni Itiyoophiyaa seeraan ala daangaa ce’anii seenanii humnootii nagaa eegsisan kan naannoo waliin walitti bu’uu tuquu dhaan himatanii jiran. Ennaa Somaaliyaan waggaa 64ffaa walabummaa ishee gonfatte kabajuu ennaa jalqabde guyyaa kaleessatti walii galtee wal hubannaa kana ilaalchisuu dhaan ragaan miidiyaalee hawaasaa irratti tamsa’e chaappaa waajjira muummicha ministeeraa kan of irraa qabu ture.

Chaappaa keenya ka sirnaa qabiyyee gargaaraman irraa namni hunduu akka of eeggatu yaadachiisna kan jedhe waajjirri muummicha ministeeraa, ragaalee mul’ataa kan naannoo fi sadarkaa addunyaa ilaalchisee kan tamsaasaman miidiyaalee hawaasaa keenya ka sirnaa irratti qofa jechuu dhaan walii galtee sana ilaalchisee ragaan tamsaasame kijiba ta’uu cimsaa beeksisera. Muddama Itiyoophiyaa fi walii galteen wal hubannoo Somaaiilaand uumatte aansee, Al-shabaabitti duuluu keessatti gumaacha ol aanaa kan qaban loltoonni Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessa turuu fi dhiisuun isaanii yeroo itti aanu keessa kan beekamu ta’a jedha gabaasi Abaatee Finfinnee irraa nuuf erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG