Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gooroo Doolaatti Dhukaasa Geejjiba Ummataarratti Banameen Namni Tokko Ajjeefamuu fi 3 Madaa’uu Firoottanii fi Hospitaalli Nageellee Beeksise

Gooroo Doolaatti Dhukaasa Geejjiba Ummataarratti Banameen Namni Tokko Ajjeefamuu fi 3 Madaa’uu Firoottanii fi Hospitaalli Nageellee Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:46 0:00

Sambata Darbe Aanaa Gooroo Doolaatti dhukaasa geejjiba ummataarratti dhukaafame jedhameen nami tokko ajjeefamuu fi sadii madaa’uu, firoottan fi Hospitaalli Nageellee beeksisee jira. Dhukaasa Kanaan Gabbii Dooyyoo Duubaa, abbaan ijoollee jahaa battala yoo du’an, konkolaachisaa dabalatee namootni sadii ammoo balaan irra dhaqqabuu, miseensi maatii Obbo Gabbii Sagalee Ameerikaaf himanii jiran.

Hojjetaan hospitaala Nageellee, namootni rasaasaan rukutaman guyyaa sadii dhufanii yaala akka argatan himanii, isaan keessaa lama yaala dabalataaf gara Hawaasaatti dabarfamuullee eeran. Ammas jiraattonni sababa walitti bu’iinsa himnoota mootummaa fi Hidhattoota waraana bilisummaa Oromoo naannocha keessa socho’u jedhanii nageenyi sochii ummataa danqaa jira jedhu, Galmoo Daawit dabalata qaba.

Forum

XS
SM
MD
LG