Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walfalmii Marsaa Jalqabaa Pireezidaant Baayidenii fi Dorgomaa Isaanii Doonaald Traamp Madda Oduu CNN Irratti Geggeessame


Pirezidaanti Joo Baayiden, mirgaa fi kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp, bitaa, falmii pirezidaantummaa CNNn qopheesse irratti, Atlaanta, Waxabjjii 7, 2024.
Pirezidaanti Joo Baayiden, mirgaa fi kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp, bitaa, falmii pirezidaantummaa CNNn qopheesse irratti, Atlaanta, Waxabjjii 7, 2024.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi 45ffaa Doonaald Tiraampii fi Preezidaantiin 46 ffaa Joo Baayideen , pireezidaantummaa 47 ffaaf filannoo Ji’a sadaasaa keessa taasifamuuf falmii isaanii wayita jalqabaniti qajeettitoonni falmichaa Pireezidaant Joo Baayideen karaa Harka mirgaa , doonaal Tiraamp immoo karaa harka bitaa akka dhaabatan itti himan. Dorgomtoonni lamaan yommuu gara waltajjiitti dhufan harka wal hin fuune. Maqaa waliis falmii isaanii keessatti hin waaman.

Gaafiin jalqabaa waa’ee diinagdee yommuu qaala’insa jireenyaa amma jiru gara fuula duraatti yoo filatamtan haala kamiin fooyyeessuuf deemtu kan jedhaman Joo Baayideen, Doonaald Tiraampitu diinagdee bade nutti dhiisee deeme jedhanii miidhaa diigdee weerara Vaayirasii Koviidiin dhufe kaasaniiru.

Doonaald Tiraampimmoo gama isaaniin Diinagdeen Ameerikaa seenaa keessatti akka bara pireezidaantii kanaa kufee hin beeku jedhan.

Itti aanee dhimma Immigireeshiinii kan gaafataman kaadhimamtoonni lamaan , Doonaald Tiraampi godaantoota seeraan alaa hoteeloota qaalii keessa jiraatan jechuun komataniiru.Bara ani aangoorra turetti biyyi daangaa eegumsa qabu seenaa ishee keessatti akkas qabaattee hin beektu jedhan.

Joo Baayideenimmoo ergasn seera raawwachiistuu dhimma Immigireeshinii mallatteesseen booda seenaa keessatti kooluu galtummaan dhibbeentaa 40 hir’ateera jedhanii warra Rippaabulikanii komataniiru.

Waa’ee Ulfa Baasuu, Dhimma Waraansa Yukireenii fi Kan Giddu-galeessa Bahaa Ilaalchsiee Wal-falmii Prezidaant Baayidenii fi Prezidaantiin Duraanii Doonaald Traamp Geggeessan

Seera ulfa baasuu Irratti kan gaafataman Doonaald Tiraampi Fayyaa haadholiif yaaduun, Abboota amantaa waliin marii taasisuun seera ulfa baasuu dhorku mallatteesseera ammayyuu nan deeggara jedhan , Joo Baayideen Seera Ulfa baasuu kan deeggaran fayyaa haadhaa, haatii tokko fi ogeessi fayyaa walii galtee taasisaanii fi fedhii haadhaa irratti hundaa’uun Ulfi Torbaan ja’aa ba’uu akka danda’u himan.

Tiraamp Warri dimokiraattootaa guyyaa tokkotti lubbuu da’imaa balleessuu jechuudha jedhan.

Waraana Yuukireenii fi Raashiyaa kan ilaaleen Doonaaldi Tiraampi Raashiyaan Yuukireeniin hin weerarre jedhan. Yuukireeniif maallaqa doolaara biiliyoona 200 kan kenne Joo Baayiden jechuun komatan. Zeleniiskiin wayita biyya kana dhufee deebi’eetti doolaara miiliyoona 60 fudhatee deebi’a daldala guddaa jedhan.

Joo Baayideen kanarratti Ilaalaa waan namni kun jedhu Puutiniin hojii keetti jabaadhu jedha. Puutiin yakkamaa waraanaati. Kan inni hojjechaa Tokkummaa Sooviyeet fiduudha. Kana hin dhaabu jettaa?

Haala Baha gidduu galeessaa , haleellaa Hamaas onkoloolessa keessa raawwate, waraanicha xumuruuf maal gootuu? Jedhamuun kan gaafataman Kaadhimamtoonni lamaan Joo Baayideen waraanichi akka xumura hin arganne kan taasiise Hamaasidha.Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii fi Muummichi ministiraa Israa’e Netaanyaahuun waraana dhaabuutti walii galaniiru. Netaan yaahuun waraana Gaazaa keessatti akka itti fufu eenyutu barbaadaa? Jedhe Tiraamp.

Dhimma Dimookiraasii Ilaalchisuun Gaaffii Joo Baayidenii fi Doonaald Traampiif Dhihaaterratti Deebii Wal-falmitoonni Lamaan Kennan

Gaaffii Dimookiraasii kan ilaaleen kaadhimaamtoota lamaaniif dhiyaate keessaa dhimmi jeequmsa Fulbaana 6, bara 2021 tiiti deeggartoonni Doonaaldi Tiraampi Kaappitoolitti seenuun jeequmsa kaasan dubbii Ijoo ture.

Filannoo Fulbana 6 jeeqsiifteetta. Loltoonni eegdoota biyyaaleessaa 10,000 gaafa sana haa hirriirfaman jennaan Neensiin itti gaafatamummaa nan fudha jettee deebiste namoonni baay’ee osoo seenaa jiranii osoo arganii.

Gochaa gaafa fulbaana 6 bara 2021 ta’eef Tiraampi itti gaafatama. Yakkaamaadha. Namoota gaafa sana gochaa jeequmsaa raawwataniin gootota biyya jaallatan jedhee nama jajatedha.

Filannoo kana yoo moo’amtan bu’aa isaa ni fudhattu jedhamanii kan gaafataman Doonaald Tiraampi Jeequmsi siyaasaa fudhatama hin qabu jedhanii , filannoo haqa qabeessa yoo gaggeessine jedhan malee kallattiin nan fudhadha jechuun hin ibsine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG