Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Marii Guutuu Biyyaaf Akka Haala Mijeessuuf Koomishinni Marichaa Gaafate


Mootummaan Itiyoophiyaa Marii Guutuu Biyyaaf Akka Haala Mijeessuuf Koomishinni Marichaa Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:29 0:00

Komishiniin marii guutuu biyyaa raawwii hojii kan bara 2016 mana maree bakka bu’oota uummataaf dhiyeessee jira. Komiishinni kun deemsa adda addaa keessa darbuun ajandaa walitti qabaa akka jiru Komishiinara kan ta’an Profeesar Masfin Ar’ayaa ibsanii walitti bu’iinsoonni itti fufuu fi komeen dhaga’aman rakkoo uumaa akka jiran dubbatanii jiru.

Deemsii marii guutuu biyyaa hundumaa kan hirmaachiisu ta’uus naannoo walitti bu’iinsoonni jiran keessaumaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa bakka tokko tokkootti deemsa jiru itti fufuun akka hin danda’amnee ibsan. Kana Malees paartileen mormiituu tokko tokko hoggannii fi miseensoonni isaanii hidhamuu fi dhimmoota wal fakkaatan waliin haala hidhata qabuun komeen dhiyeessan danqaa ta’u ibsanii jiru.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti deemsa kana jalqabsisuuf deebii dandeesisuu akka hin argannee ibsanii Kanaafis Mootummaan haala kana gochuuf dandeesisuus akka uumuu akkasumas manni maree itti gaafatama isaa akka ba’u gaafatan. Yeroo kanatti miseensoonni mana maree bakka bu’oota uummataas gaaffii kaasuun mariin gaggeeffamee jira jechuun keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG