Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Guyyoota Lamaaf Magaalaa Baahir Daaritti Geggeessame Mana-maree Nageenyaa Dhaabuun Isaa Himame


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naanno Amaaraa
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naanno Amaaraa

Akka lakoofsa Itiyoophiyaati waxabajii 17 fi 18 bara 2016 marii nageenyaa naannoo Amaraa magaalaa Baahrdaar keessatti taasifamaa turee irratti kanneen hirmaachaa turan mana maree nageenyaa dhaabuun isaanii beekameera. Mana marre nageenyaa miseensota 15 of keessa qabu kanaaf Dura taa’aa kan ta’an obbo Iyaachewu Teshomee sambata dheengaddaa magala Bahirdaar keessatti ibsa kennaniin, lola waggaa tokko ta’uuf jiru karaa nagaatiin hiikuudhaaf mootumaadhaaf garee hidhatootaa Fannoodhaaf waamicha dhiheesaniiru.

Hundeefamuu mana marichaa irratti yaada isaanii sagalee Amerikaatiif kan kennaan jiraattaan magalla Waldiyaa obbo Birhaanuu Balaayii fi jiraataa dhiha Gondor kan ta’an obbo Gebremikaa’el Abebe yaaliin marii nageenyaa jalqabamuun isaa rakina hawaasumaaf dinagdee naanicha keessa jiru furuudhaaf akka gargaaru dubataniiru. Marii nageenyaa kanaa fi manni marichaa hundeeffamuu isaa ilaachisee haangaootaa mootummaa fi garee hidhatootaa irraa yaadinii ifatti kenname akka hin jirre Asteer Misgaanaawu gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG