Humnootiin Mootummaa Itiyoophiyaa dhaabbattoota tajaajiila Fayyaa kanneen bulchiinsa nananoo Amaaraa keessa jiran irratti haleellaa akka yakka waraanaatti lakka’amuu geesisan jechuun gareen mirga namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) ibsee jira.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti humnootii nageenyaa kan mootummaa fi garee hidhattoota Faannoo giddutti walitti bu;iinsa baatii Hagayya dabree kaasee gaggeeffamaa jiruun yoo xiqqaatee magaalaalee 13 keessatti dhaabattoota tajaajiila fayyaa fi hojjattoota achii keessaa akkasumas namoota yaalamaa jiranii irratti, humnootii nageenyaa kan mootummaa fi milishoota mootummaan deggeramaniin haleellaa bal’aa gaggeeffamee kan yakka waraanaatti lakka’amuu ga’uu isaa Hiyumaan Raayitis waacha gabaasa Roobii har’a baaseen ifa taasisee jira.
Walitti bu’iinsa kanaan kan caalaatti miidhaman namoota nagaa ykn Siviloota ta’u gabaasnii kun ibsee jira. Garee mirga namoomaa kana keessatti Afrikaaf itti aantuu Daayreekteeraa kan ta’an Letishaa Beeder haleellaan dhaabattoota fayyaa hojjattoota isaanii fi dhukkubsattoota irra ga’e akkaan rifaasisaa ta’u ibsan.
Humnootiin Itiyoophiyaa haala itti gaafatamuummaa xiqqoo illee hin qabneen, hojjattootaa fi kanneen yaalamaa turan ajjeesuu hidhuu fi dorsisuu isaanii bira geenyeerra jechuun sagalee Amerikaaf ibsanii jiru. Kana malees gochii saamiinsaa fi barbadeessuu akka ture galmeessinee jirra jedhanii kun iddoo tokko qofaatti otoo hin taanee magaalaalee 13 keessatti raawwatamee jira jedhan.
Walitti bu’iinsii gam lameen giddutti gaggeeffamu kun bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti toora tajaajiila Fayyaan badii bal’aa geesisuu isaa aangawoonni fayyaa naannoo sanaa baatii Bitooteessa keessa beeksisanii akka turan gabaasnii kun ibsee jira. Angawoonni kun humna finxaaleeyyii jechuun kanneen waamaniin dhaabatootii tajaajiila fayyaa 967 barbadaa’uu fi Ambuulaansiin 124 fudhatamuu dubbataniiru jechuun Hiyumaan Raaytis Waacha gabaaseera.
Sagaleen Amerikaa gabaasa har’a ba’e kana irratti, aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa biraa deebii fi yaada qaban argachuuf yaaliin taasisee hin milkoofne. Akka argameetti kan dhiyeessuta’u ibsuun, Ingiduu Waldee Waashiingatan irraa gabaaseera.
Forum