Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa godaantoota jiran kan Suudaan nageenya isaanii eegsisuuf jecha iddoo haaraatti geessuuf yaalii gaggeeffamaa jiru kan deggertu ta’u Yunaaytid Isteetis ibsitee jirti.
Finfinnee keessa kan jiru Embaasiin Yunaaytid Isteetis har’a ibsa baaseen haleellaa baqattoota kana irra ga’u kam iyyuu akka dhaabatu hubachisee jira.
Godiina Gondar Dhiyaa keessa kan jiran buufataaalee Tokkummaa Mootummootaa lama keessa baqattoota jiran kan suudaan iddoo biraatti geessuuf mootummaan Itiyoophiyaa iddoo qopheessuu isaa Tajaajiila godaantootaa fi warra godaansaa deebi’aniitti buufata daahaanna Kumar Awulaallaa fi Alam waac tti wal taasisaa kan ta’an Obbo Taammiraat Damissee ibsanii jiru.
Waa’een baqattoota kanaa akkaan kan is yaaddeessu ta’u komiishinni baqattootaa kan Tokkummaan Mootummootaa (UNHCR) gama isaan baqattoota suudaan kanneen Itiyoophiyaa keessa jiraniif deggersii arjoomtoota addunyaa biraa argamu baayyisee xiqqoo ta’u beeksisee jira.
UNHCR walakeessa baatii caamsaa dabree ibsa baasee, baqattonni sudaan kanneen kuma tokko ta’a sababaa dhabamuu nageenyaa fi haanqiina tajaajiilaa nu mudatee jedhaniin buufata daahaannaa Awulaallaa fi Kumar gadhiisanii ba’u isaanii akkasumas, daandii cina jiraataa jiru jedhe ibsuun isaa ni yaadatama jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum