Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dimookiraatonni  Duula Filannoo Baayiden Irratti Yaaddoo Qaban Ifatti Dhageessisanii Jiru


Dimookiraatonni  Duula Filannoo Baayiden Irratti Yaaddoo Qaban Ifatti Dhageessisanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:40 0:00

Qondaaltonni paartii Dimookiraatotaa kan Yunaaytid Isteetis muraasni, prezidaant Joo Baayiden torban darbe prezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti ga’umsa falmii laafaa ta’een booda, filannoo Sadaasa 5 gaggeeffamuuf deemuun pirezidaantummaaf dorgomuuf qaamaan dandeettii qabaachuu fi dhiisuu isaanii ifatti ibsuu jalqabaniiru.

Teeksaas irraa miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa marsaa 15f kan turan Looyd Daajet Kibxata kaleessaa qondaala paartii Dimookiraatotaa jalqabaa ta’uun Baayiden akka gadhiisan gaafatan."dorgommii kana dhiisuun murtoo dhukkubbii qabuu fi rakkisaa ta'e ta’uus Baayiden keessaa ba’uu qabu jedhan. "

Daajet akka jedhanti ''murtoon isaanii kan ejjennoo cimaa kana ummataaf ifa gochuuf murteesse akka salphaatti kan ta’u miti akkasumas kabaja ani waan Pirezidaanti Baayiden galmaan ga'an hundaaf qabu karaa kamiinuu hin hir'isu'' jedhan.

Garuu jedhan Daajet ga'umsa falmii dadhabaa kan Baayiden yeroo tokko tokko yaada dubbatan dhabuu fi waan fixaan baasan mara sirritti falmachuu dadhaban jedhan.

Baayiden Kibxata darbe sagantaa duula filannoo Varjiiniyaa keessatti haasawa dhageesisaniin, hirriba dhabuu fi sagantaa imala torban falmii dura turan keessatti yaadannoo guyyaa D-Day Faransaayitti, walgahii biyyoota dureeyyii G-7 Xaaliyaanii fi taateewwan duula filannoo dachaa kanneen Ameerikaa keessatti maqaa dhahaan.

Forum

XS
SM
MD
LG