Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’iinsii Hidhannoo Dhiittaa Mirga Itiyoophiyaa Keessatti Geggeessamaniif  Sababaa Ijoodha, Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa


FAAYILII - Dura taa'aa Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Obbo Daani'el Baqqalaa, Finfinnee, Sadaasa 03, 2021.
FAAYILII - Dura taa'aa Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Obbo Daani'el Baqqalaa, Finfinnee, Sadaasa 03, 2021.

Walitti bu’iinsii hidhannoo dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabuuf sababaa guddaa ta’u Komiishinni Mirga Namoomaa Kan Itiyoophiyaa gabaasa waggaa yeroo sadaffaaf har’a baaseen hubachisee jira. Walitti bu’iinsii hidhannoo dararaa bifa hedduu dhaqqabsiisaa jiru, dabalaa jira kan ajedhan komishiinarri komiishiina mirga namoomaa Itiyoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa kana dhaabsisuuf furmaannii ijoo fi tokkittiin marii nageenyaa gaggeessuu dha jedhan.

Dhiittaa mirga namoomaa gabaasnii kun tarreesse keessaa inni guddaan waa’ee mirga lubbuun jiraachuu akka ta’e, humnootiin wal waraanan namoota nagaa miidhuu isaanii fi kanaaf immo inni tokko isa kaan akka yakku ibsamee jira. Gama kaaniin itti gaafatama waggaa shaniif itti kennamees baatii dhufu kana kan xumuuran ta’uun ibsamee jira.

Hojii Komiishiina kana hogganuu yeroo jalqaba fudhatan waggaa shan kan marsaa tokkoo qofaaf tajaajiluuf akka ture kan ibsan Dr. Daani;eel Baqqala itti gaafatama kanatti itti fufuu akka fedhii hin qabne sagalee Amerikaaf ibsanii jiru. Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo kan yeroo hojii isaanii xumuran Dr. Daabi’el Baqqalaa har’a gaggeessanii jiru jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG