Ergamaan Addaa kan Yunaaytid Isteetis Ambaasaaddar Maayik Haamar Jibuutii keessatti dhimma naannoo fi nageenyaa irratti mootummaa Jibuutii fi Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu (IGAAD) waliin ni mari’atu. Itiyoophiyaa keessatti immoo walga’ii Gamtaa Afrikaa isa lammaffaa isa waa’ee raawwii waliigaltee diinummaa dhaabuu Piritooriyaa keessatti dhimma Itoophiyaa gama Kaabaaf tolfame gamaaggamu irratti hirmaatu.
Yunaayitid Isteetis sagantaa hidhannoo hiikkachuu fi loltoota duraanii deebi’anii walitti makamuu bu’a qabeessa ta’een dabalatee nagaa waaraa argamsiisuus mootummaa Itoophiyaa fi Bulchiinsa Yeroo kan Naannoo Tigraay deeggaruuf kutannoo qabdi.Kana malees kanneen biyya keessaa buqqa’an sirnaa fi nagaan akka deebi’an akkasumas ce’umsaa haqaa fi itti gaafatamummaa qabu tarkaanfachiisuuf cicha qabdi.
Kana malees hookkara bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessaa xumuura itti tolchuuf aangawoonni Itiyoophiyaa marii itti fuufsisuuf yaalii taasiisan irratti ni mari’atu.
Forum