Naannoo Tigiraayitti hanqinni Xa’oo fi keemikaalota farra aramaa jiraachuun rakkoo gama waraanaa fi goginsaan durumaanuu isaan miidheerutti akka hin jabeessine jechuun qonnaan bultoonni yaaddoo qaban sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Bara Oomishaa 2016/17 f kan oolu naannicha keessatti Xaa’oo fi keemikaaloonni farra aramaa gatiin isaanii ol ka’aa waan ta’eef mootummaa fi dhaabbileen gargaarsaa akka nu deeggaran jechuuni dubbattu qonnaan bultoonni sagaleen Ameerikaa dubbiseeru. Qees Nigus Gebirewaad aanaa Taahitaay Qoraarootti qonnaan bulaa kan ta’an bara darbe Xaa’oo malee akka midhaan facaasan himanii bara kanas nama maallaqa qabu qofaatu bitachuu danda’a jechuun gatiin Xaa’oo ol ka’aa ta’uu isaa himaniiru.
Qonnaan bulaan biraan aanaa Raayyaa Carcaritti lafa qonnaa Heektaara 1.5 qabaachuu himanii bara darbe xaa’oo malee kan facaasan osoo hin biqiliin hafuu himanii bara kanas waqtiin isaa gaarii ta’us hanga ammaatti xaa’oon ganda isaaniif hin dhiyyaatiin akka jiru ibsaniiru. Paartiin siyaasaa naannicha keessatti sochii qabu Saalsaay Wayyanee Tigiraay ibsa baaseenimmoo xaa’oon qonnaan bultootaaf naannicha seneeru baay’ee gadi aanaa fi fedhii qonnaan bultootaa waliin kan wal hin simne himee qonnaan bultoonni bara darbes gogiinsaan miidhamaniiran ammas rakkoof saaxilamu jedheera.
Dhimma kanarratti kan gaafataman Itti aanaan biiroo qonnaa naannoo Tigiraay Obbo Alembirhaan Hariifayyoo Naannichatti bara kana hanga ammaatti Xaa’oon Kuntaala Kuma 430 ol galuu ibsaniiru.
Forum