Naannoo Amaaraatti walitti bu’insaa Mootummaa fi humnoota Faannoo gidduutti taasifamaa jiruun namoonni nagaan miidhamaa jiraachuu jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Xaarmaa barri. Waxajjii 19 bara 2016 darbe kanatti qofa qonnaan bultoonni 14 ajjeefamuuu fi ajjeechaa kanas hidhattoota mootummaatu raawwate jechuun himatu.
Gaafa waxabajjii 19, bara 2016 darbe kana halkan Naannoo Amhaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Xaarmaa Barr bakka addaa Shoolaa Meedaa jedhamutti hidhattoonni mootummaa namoota nagaa irratti haleellaa raawwataniin lubbuun namootaa darbuu namni nageenya koof sodaan qaburraa maqaan koo akka hin himamne jedhan tokko sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Aadde Birqee Alemaayyoo ga’eettii ganna 65 ta’uu isaanii kan himan aanichatti bakka Agambarri jedhamutti warra hidhattoota mootummaan ajjeefaman keessaa tokko abbaa warraa isaanii ta’uu sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka Aadde Birqeen jedhanitti abbaa warraa isaanii waliin waggoota Soddoma kan jiraatanii fi Ijoollee Ja’as waliin horataniiru. Namni biraan maqaan isaanii akka himamu hin feene tokkos yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin namoonni ajjeefaman baay’een isaanii kanneen galii gadi aanaa qaban akka ta’anidha.
Itti aanaa bulchaa aanaa Xaarmaa Barri Obbo Shimallis Maannayyee bakka Shoolaa meedaa jedhamutti namoonni nagaa ajjeefamuus ta’e madaa’uu isaanii odeeffannoo akka hin qabne sagalee Ameerikaatti himanii , garuummoo naannoo sanatti irra deddeebbiin rakkoon nageenyaa akka jiru himaniiru. Namni biraan maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko yaada sagalee Ameerikaaf kennaniimmoo namoonni ajjeefaman kunneen gandoota Afur keessaa ta’uu himuun maqaa isaanii tarreessuunis Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Miseensa Paartii Abin fi miseensa mana maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa kan ta’an Obbo Abeebawu Dessaalew Naannoo Amhaaraatti walitti bu’insa ka’eeru hordofee ta’e jedhamee namoota hidhannoo hin qabne irratti sarbamni mirgaa jiraachuu ibsanii kunis yeroo yerootti dabalaa dhufuun akka isaan yaaddessee fi dhimmicha mana maree bakka bu’ootaafis akka dhiyyeessan himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad dhiyyeenya magaalaa Daseetti marii uummata waliin taasisan irratti mootummaan isaanii qaamoolee qabsoo hidhannoo taasisaa jiran waliin marii taasisuuf qophii ta’uu isaa ibsaniiru. Jechuun Masfin Arraageetu Daseerraa gabaase.
Forum