Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigiraay Keessatti Miidhaaleen Dubartootarratti Raaw’ataman Akka Dhaabatan Jaarmayaaleen Siivilii Naannicha Keesaa Socho’an Gaafatan


FAAYIILII - Dubartoota yeroo waraanaa qehee irraa buqahanii buufata Abi Adii keessa jiran, Waxabajjii 24, 2023.Tigray region, Ethiopia, June 24, 2023.
FAAYIILII - Dubartoota yeroo waraanaa qehee irraa buqahanii buufata Abi Adii keessa jiran, Waxabajjii 24, 2023.Tigray region, Ethiopia, June 24, 2023.

Bulchiinsaa naannoo Tigraay keessatti miidhaan dubartootaa irra gaha jiru akka dhaabatuu dhaabbileen hawaasa siviilotaa nanichaa keessa socho’aa jiran 26 guyyaa wixata har’aa Adoolesaa 1 bara 2016 ibsa waloodhaan kennaniin gaafatanii jiru. Gabaasaa waajiraa Poolisii naanichaa irraa argatan irratti hundaa’uudhaan waa’ee rakkinichaa kan ibsan dhaabiliin kun, ji’oottan 11 darban keessatti magaala Maqalee keesatti qofa dubartoonii 12 ajjeefamanii dubartootaa 80 irraatti immoo yakki dirqii gudeeduu raaawatee jira.

Miidhaa dubartootaa irra gahaa jiru dhaabsisuudhaaf mootummaan naanichaa waan issa irraa eegamuu gochaa akka hin jire ibsuudhaan dhaabileen kun komii qabanuus dhiheesaniiru.Dhimma kana irratti bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay irraa deebii argachuudhaaf yaaliin VOA n taasisee hin milkoofne.

Haa ta’uu malee, dhiheenyaa kana dhimicha ilaalchisuudhaan dubartoonii maggala Maqalee yemuu hiriira mormii taasisan kan deebii kennan itti gaafatamaan biiroo haqaa naanichaa obbo Hadush Tasfaa dhimmichii waan haa buluu jedhamuu akka hin taanee ibsanii, tarkaanfii fudhatamu akka dheyeenyyatti ifa taasisan dubbatanii turan. Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa dhiheenya kana baaseen mootumaan naannichaa warren yakka kana raawachaa jiran irraati akka tarkaanfii fudhatu gaafachuu isaa Mulugeetaa Atsibaha Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG