Ministirri Haqaa Yuunaayitid Isteetisi Dilbata kaleessaa galgala akka beeksiisetti dhaabbanni Aviyeeshiinii guddichi Booyiingi Xiyyaaroota isaa 737 Maaksi bakka lamatti kufuun du’aatii namootaa qaqqabsiiseen himannaa irratti banamee ture waliin dhahuu isaatiin Yakkamaa ta’uu isaa Amane.
Murtoon kun kan dhufes torban dura ministirri Haqaa filannoo lama Booyiingiif kenneen himanicha waliin dhahuu amanuu ykn mana murtiitti dhiyaachuu kan jedhu keessaa himannicha waliin dhahuu isaa amaneera. Himannaan dhaabbata Aviyeeshinii guddicha Booyingi irratti dhiyyaateeru garaa garummaa ji’oota shanii keessatti bara 2018 fi 2019 Indooneezhiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti xiyyaaronni BooyingI 737 Maaksi kufanii caccabuu isaaniin lubbuun namoota 346 darbuu hordofee himannaa maatiin miidhamtootaa dhaabbata Aviyeeshiinii kanarratti dhiyyeessan waliin dhahuu isaatiinidha.
Akka Abbootiin alangaa ibsanitti Dhaabbattichi walii galtee bara 2021 irra ga’amee ture cabseera. Kanaanis himannaa ol iyyannoo taasifame kanaaf Booyingi kaffaltii Adabbii doolaara miiliyoona 243.6 dabalataan kaffalas jedhameera.
Waliigalteen kun osoo hin ifoomsamiin dura Abbaan murtii Federaalaa raggaasiisu qaba. Abukaatoowwan maatii namoota balaawwan xiyyaaraa kana lamaaniin du’aniiran hangi tokkommoo Abbaan murtii federaalaa walii galticha kana kufaa akka taasisuu gaafachuuf akka jiran himaa jiru.
Forum