Qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa erga weerara Vaayirasii Koovid 19 fi waraana Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture turtii waggoota shaniin booda barattoota Itiyoophiyaa kaan waliin yeroo wal fakkataatti bara kana har’a Adoolessa 2 , hanga 12 bara 2016 tti naannoo Tigiraay keessatti kennamuu jalqabeera. Barattoonni kuma 54 qormaaticha fudhachaa akka jiranis hoogganaan biiroo barnootaa naannoo Tigiraay Dr. Kiroos Gu’iish ibsaniiru. Qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa kun naannicha keessatti kan Argaman Yuunivarsiitiiwwan Maqalee, Aksuum, Addigiraatii fi Raayyaa keessatti akka kennamuu fi qormaatichi waraanis ta’e kanneen interneetiin Online qoramaniifis akka qophaa’eerus himaniiru.
Erga waliigaltee Piriitooriyaan booda Manneen barnootaa hojiitti deebi’uun hojii baruu fi barsiisuu akkasumas tajiijiloonni biroonis kan jalqabaniiran yommuu ta’u, Gamaaggama hojiirra oolmaa walii galtee Piriitooriyaa marsaa lammaffaaf karaa Gamtaa Afiriikaan Mootummaa Federaalaa fi Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay gidduutti taasifamuuf jirurratti argamuuf ermaan
addaa gaanfa Afiriikaa Kan Yuunaayitid Isteetisi Ambaasaddar Maayik Hamar Finfinneetti argamu. Hooggantoonni dhaaba Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay wal ga’ii gamaaggama hojiirra oolmaa walii galtee Piriitooriyaa marsaa lammaaffaaf taasifamu kanarratti argamuuf gara Finfinneetti imaluu isaanii odeeffannoon fuula miidiyaa hawwasaa Facebook dhaabichaarraa argame ni mul’isa jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Astibahaatu Gaabase.
Forum