Hiriiraa mormii daballii Dilaalaatin walqabatee mootummaa Keeniyaa irratti taasifamaa jiru hordofuudhaan ijjannoo isaa kan ibsee manni maree biyyaaleessaa waldaalee kiristaanaa keeniyaa, bulchiinsii Mootummaa Wiliyaam Ruutoo, bulchiinsa gaarii hin taaneefi malaanmaltummaadhaan kan xuraa’e dhaa jedhe jira.
Waa’ee Dilaalaa isaa mormii biyyaalesaa kasee qabbaneesuudhaaf prezidaant Wiliyyam Ruutooo seericha akka hojii irra hin oolchine beeksisanus, mana maree waldalee kiristaanaa biyyatti dabalatee dhaabileen adda addaa mootumaan Ruutoo waa’ee malaan maltummaa qulquleessuu qaba jechuudhaan dhiibaa isaanii itti fufanii jiru.
Barressaa olanaan mana maree waldaa kirstaanotaa keeniyaa Lubni kiriis Kinyanju’i “miseensonni kabnee Wiliyaam Ruutoo malaan maltumaadhaan kan xuraa’an waan ta’ef akka diigamuu qabu ummanni keeniyaa gaafachaa jira” jedhaniiru. Barreessaan muummichi paartii biyya bulchaa jiru, “united Democratic Alliance”, Kiliyoofaas Malalaa, paartiin isaanii sagantaa mootummaa fooyyeesuu hirmaachisaa ta’e ni jalqaba jedhaniru.
Mormiitoonni tokko tokkos komishiiniin filannoo biyyaleesaa akka haaromsamuu fi komishiiniin filannoo walaba ta’e akka hundaa’u gaafachaa jiraachuu isaanii kan ibsee gabaasinni Mohaamed Yusuuf,mormii lammileen keeniyaa taasisaa turaniin namoottan 40n ajjeefammanii 380 kan ta’an immoo madaa’uun isaan akka ibsame beeksiseera.
Forum