Bubbeen hamaan bokkaadhaan walmake maqaa “Beryl” jedhamuun moggaafame kutaa Yunaayitid Isteets, Teeksaasiin rukutee namoottan Sadii ajjesee, manoottan jireenyaa fi bakkaawwan hojii miiliyoonii Sadii ta’an ebsaa malee erga hambisee booda gara kutaalee Yunaayitid Isteets birootti darbaa akka jiru ibsameera.
Bubbeen Sa’atiitti kiiloometirii 130 gulufaa ture kun, magaalota Yunaayitid Isteets keessa gudinaan 4ffaa kan ta’e Houstoniin erkaa rukutee miidhaa geesisee boodaa, bokkaan hamaan bubbee sanaan walqabatee gara kutaalee Yunaayitid Isteets biroo Arkaansaas, Illinooy, Kentaakii, Indiyaanaa, Teenesii, Ohaayyoo fi Michigaanitti babalachaa jiraachuu isaa waaltaan too’annaa bubbee ykn Herikeeni biyyalesaa beeksisee jira.
Hojiin magaalaawwan kutaa Teeksaas balaa bubbee kanaan rukutaman qulqulleesuufi bu’uraalee misoomaa miidhaman deebisanii Suphuu yemmuu jalaqabamee jiruu kanaatti, prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden haanga’oota kutaa Teeksaas wajjiin haasa’uudhaan gargaarsii atattamaa mootummaa feederaala akka taasifamuuf beeksisanii jiru.
Sababa bubbee kanaatiin kan ka’ee balaliin xiyyaaraa gara magaala Houstooniitti taasifamuuf ture 1300 akka hafu kan taasifamee yemmuu ta’u’ dhaabileen sulula Meeksikoo keessaati hojii zayita boba’aa calaluu irraa turan heduun cufamuun isaanii beekameera. Bubbeen kun ittu gara Yunaayitid Isteets ti hin ce’ein dura, biyyoottan kutaa Kaariibiyaa keessatti namoottan 11 ajjeesuun isaa gabaasameera.
Karaa biraatiin ,Haalumaa dhimma qileensaa kanaan walqabateen, ho’ii cimaan kutaa Yunaayitid Isteets Oregaanin muudate du’a namoottan Afuriif sababa ta’uun isaa beekameera. Balaa ho’aa kanaan walqabatee kutaaleen Yunaayitid Isteets, Kaaliforniyaan, Nevaadaan, Arizoonaan, Oregen, Waashingtoon , Ayidaahooni fi misisiipiin haala Akeekachiisaa of eeggannoo jala galanii akka jiran ibsameera. Ho’ii qileensaa yeroo amma US muudatee jiru seenaa biyyatti keessatti waan haaraa yemmuu ta’uu , ho’ii qileensaa kun waggoottan 13 darbaniif walitti ansuudhaan dabalaa akka deemaa jiru gabaasameera.
Forum