PirezidaantiinJoo Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Kibxata kaleessaa hoggantoota biyoottan dhaabbata Tumsa Atilaantiik Kaabaa ykn NATO simachuudhaan walgahii waggaa 75ffaa dhaabatichaa irraatti haasaa taasisaniin qormaata guddaa nagaa Awurooppaa mudate irratti humnaan nagaa mirkaneesuun akka barbaachisaa ta’e ibsaniiru. Aanga’onii Bulchiisaa isaaniis balaa addunyaa irra gahuuf deema jedhan ittisuuf humna ittisaa jabeessuun barbaachisaa akka ta’e eeruudhaan yaada Prezidaant Baayiden jabeesaniiru.
Masaraa Waaytiti Haawusitti gabaastuu VOA kan taate Aniitaa Poowel dhimma kana irratti gabaasinii qopheesitee itti anee dhihaata.
Forum