Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aanaa naannoo Arbaamincitti jeequmsa irra deebiin ka'e sababeeffachuun namoonni 40 Ol to'annaa jala oolfaman


Aarbaa Miinci
Aarbaa Miinci

Bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa , Aanaa naannoo Arbaamicitti caseffama aanaa addaa gandoota saba Zeeyiseetti taasifame hordofee jeequmsa irra deebiin ka’e sababa godahachuun namoonni 40 ol dabalataan hidhamuu maatii fi jiraattoonni sagalee Ameerikaatti himan. Akka namoonni Sagaleen Ameerikaa dubbise himanitti qaamolee nageenyaan reebichii fi sarbamni mirga namoomaa irratti raawwatamus dubbatu.

Godina Gaamoo aanaa naannoo Magaalaa Arbaaminci jirutti gandoonni Afur kan Sabni Zeeyisee keessa jirataan caaseffama haaraatiin gara aanaa addaatti dabalamuu mormuun jeequmsa irra deebiin gaafa Caamsaa 28 bara 2016 ka’een namoota 96 kanaan dura hidhamaniin alatti dabalataan namoonni 40 ol hidhamuu maatii fi jiraattoonni sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Tajaajila mana amantaa Kiristaanaa tokkoo ta’uu isaanii kan himanii fi nageenya isaaniif sodaa qabanirraa maqaan isaanii akka eeramu kan hin feene namni tokko luboonni isaan waliin aman amantaa sana keessa tajaajilan ja’a hidhamanii akka jiran ibsanii qaamoleen mootummaa namoota wal ga’iif ba’aa jedhanii jumulaan hidhaa akka jiranis ibsaniiru.

Namni biraan yaada sagalee Ameerikaaf kennanii fi nageenya isaaniif sodaa qabaniin maqaan isaanii akka himamu hin feene gandoota saba Zeeyisee Afur keessumaa gandoota Dembilee fi Eelgoo Wezaqaatti jiraattootarratti halleellaa raawwatamaa jira jedhanii , sabni Zeeyisee ofiisaa of danda’ee aanaa addaatiin akka caaseffamu gaaffii gaafateef kun irrati raawwatamas jedhaniiru. Guyyoota Sadii darban keessatti qofaa ganda Dambilee keessatti namoonni 118 bulchiinsa ganda baadiyaa keessatti hidhamanii akka jiranii fi gadhiifamuu kan barbaadnis Milishaaf akkasumas Iyyata barreesiisuuf maallaqa birrii 3500 akka kaffalan namni Luba ta’uu isaanii sagalee Ameerikaatti himan dubbataniiru.

Dhimma kanarratti deebii argachuuf bulchaa Godina gaamoo Obbo Abaayineeh Abarraa fi bulchaan aanichaa Obbo Qaafee Qaafiraa bilbila isaaniirrati bilbiluun gaafannus qaamaan bakka sana yoo deemne malee bilbilaan deebii hin kenninu jedhaniiru. Jeequmsa sababa caaseffama aanaa addaa naannoo magaalaa Arbaamincitti ji’a Mudde keessa ka’een yoo xiqqaate namoonni Torba ajjeefamuu Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ifoomsuu isaa gabaasuun keenya niyaadatama jechuun Hawwaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG