Labsii yeroo atattamaa Naanoo Amaraa keessatti labsamee tureen kan ka’ee naanichaa keessatti dhaabatee kan turee tajaajillii interneetaa deebi’ee jalqabuun isaa ibsameeraa jira. Hojii raawachiistuun dhaabata Telekominikashiinii Ityoophitaa Adde Fireehiywoot Taamiruu wixata har’aa Sagalee Amerikaatii akka himaniitii tajaajilli interneetaa magaalota gurgudoo 17 naannoo Amaaraa keesaa jiratutti deebi’ee jalqabeera.
Jiraattonni sagaleen Amerikaa naanichaa keessa haasofsiise magaalotaa gurgudoo naanichaa keessatti tajaajilli interneetaa Dilbata kaleesaa Adoolesa 7 bara 2016 jalqabee gadi lakkisamuu isaa mirkaneesaniiru. Dhaabileen siviilotaa kan biyyaa keesaa fi biyya alaa naannoo Amaaraa keessatti taaajilli Internetaa akka hojii irra oluu ibsa baasuudhaan gaafachaa turuu isaanii VOAn gabaasa turuu isaa gabaasinii Asteer misgaanaawu eerera.
Forum