Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Prezidaantummaa fi Miseensota Mana-Maree Har'a Ruwaandaatti Geggeessaa Jiruun, Uummatni Yaa'ee Sagalee Kennaa Oole


Buufata filannoo magaala Kigaalii keessaa tokko, Ruwaandaa, Adoolessa 15, 2024.
Buufata filannoo magaala Kigaalii keessaa tokko, Ruwaandaa, Adoolessa 15, 2024.

Filannoo Pirezidaantii fi Miseensota Paarlaamaa Ruwaandaatti taasifamaa jiruuf lammiileen Ruwaandaa Miiliyoonaan lakkaa’aman Wiixata har’aa sagalee kennaa oolaniiru. Filannoo biyaaleessaa Ruwaandaa kan Pireezidaantii fi Miseensota paarlamaa Wiixata har’aa taasifamaa ooleera. Lammiileen biyyatti miiliyoonaan lakkaa’aman filachaa kan oolaniiran yommuu ta’u Pireezidaantiin biyyattii Pool Kaagaameen ammas waggaa Shaniif itti fufuu danda’u jedhamee eegama.Kaagameen erga bara 1994 duguuggaan sanyii Ruwaandaatti raawwatee hanga bara 2000 tti hoogganaa filannoon hin mirkanoofne kan turee fi bara 2000 irraa kaasee filannoon gara aangoo pireezidaantummaatti kan dhufe yeroo garaa garaatti kanneen isa qeeqan kan dadhabsiisuun beekamu ammas morkattoota lama qofaa qaba.

Filannoo bara 2017 Taasifame irratti Kaagameen dorgomtoota isaanii sagalee dhibbeentaa 99 tti siiquun kan injifatan yommuu ta’u bara bu’aa isaarratti jijjiramni jiraata jedhamu shakkii xiqqaadha. Paartii Giriin Dimookiraatikitti hoogganaa kan ta’e Firaank Habinezaa fi Filliippee Mayiminaa immoo dhuunfaadhaan warra pireezidaantummaaf Kaagameen dorgoman yommuu ta’an, kaadhimamtoota dorgoomtootaa Saddeet dhiyyaatan keessaa lamaan kana qofaatus darbe.

Biyya baay’ina uummata ishee keessaa dhibbeentaan 65 dargaggoota umriin isaanii 30 gadi ta’e keessatti hooggannaan lammilee Ruwaandaa biratti heddumminaan beekamu Kagameen amma yeroo Arfaaf pireezidaantummaaf kan dorgome. Fooyya’insa heera biyyattii hedduu falmisiisaa ta’e kan taasisee ture Kaagaameen yeroo turtii aangoo pireezidaantii waggaa torba ture gara waggaa Shaaniitti gadi deebisuun hanga bara 2034 tti kan aangoorra isa tursiisuuf haala mijeesseerra jedhamee qeeqni irratti ka’aa tureera. Filannoo biyyaaleessaa pireezidaantii fi miseensota mana maree yeroo jalqabaaf guyyaa tokkotti filannoon taasifamaa jiru kanaaf filattoonni Miiliyoona Sagalii ol galmaa’aniiran buufataalee filannoo 2,433 keessatti sagalee isaanii kennaa oolaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG