Poolisin Keeniyaa shakkamaa dubartoota 42 ajjeessuun reeffa isaanii kukkutuun bakka balfi itti gatamutti gatuu amane to’annaa jala oolchuu isaa Wiixata har’aa beeksiise. Jimaata darberraa kaasee magaalaa Naayiroobii gara Kibbaa bakka Mukuruu jedhamutti Reeffi namoota sagalii kan kukkutameeruu fi karaaxitoota Pilaastikaatti naqameeru bakka balfi gatamu keessaa argameera.
Bakka bu’aan poolisii walii galaa Inispeektar Doogilaas Kaanjaa wiixata har’aa akka inbsetti namni maqaan Koolins Jumaayisii Kihaalushaa jedhamuun waamamu ,kan umriin 33 ajjeechaawwan kanaaf dursarratti shakkame naannoo sanatti to’annaa jala oolfamuu fi shakkamaan kunis dubartoota 42 goyyoomsuun fi dirqisiisuun erga ajjeeseen booda reeffa isaanii baka kanatti gataa turuu isaa amaneera.
Bakka bu’aan hoogganaa poolisii Ispeektar Kaanjaan qorannaan reeffa miidhamtootaa har’a jalqabeeras jedhaniiru.
Forum