Godiina bulchiinsa saba Waag Himraa Aanaa sahaalaa sayyamt gandeen sadii keessatti sababaa garaa baasaa ykn kaasaa ariifachisaa fi haqqisaan kanneen qabaman torban dabree qofa keessatti namoonni shan du’uu Waajirri Fayyaa kan godinaa beeksisee jira. Kunis rooba gannaa irraa bishaan argame kan qulqullinni isaa hin eegamnee gargaaramuu isaaniin ta’uun ibsamee jira.
Itti gaafatamaan Waajirri Fayyaa kan godinaa Obbo Asaffaa Nagaash akka ibsanti namoonni 26 akka hamaatti dhukkubsatanii akka jiran qorannaa dabalataaf saamuudnii fudhatame Instiituutii fayyaa haawaasaa kan naannoo sanaatti erguuf qophii irra jirra jedhu. Baballachuu dhukkuuba kanaa to’achiifis gareen Dooktoorootaa gara sanatti ergamuun hojii ittisaa jalqabuu isaas ibsan. Aanaa sana keessatti ganda Bilaazaaf bulchaa kan ta’an Obbo Maallada Birree gama isaaniin ganda isaanii keessatti namoonni 4 du’uu fi hedduun dhukkubsatanii ciisuu isaanii ibsan.
Godiina sana keessatti rakkoo nageenyaa yeroo yeroon mudatuun talaalii idilee kennuun kan addaan cite yoo ta’u sababaa kanaan weera Gifiiraan Daa’imman 15 du’u baatii tokko dura gabaafnee turre. Kana malees Godiina Waag Himraa keessatti bara oomishaa bara 2015 fi 2016 keessa haanqiina bishaanii mudateen namoonnii ja’aa fi beeleedaaleen kuma 10 caalaan beelaan du’u isaanii itti gaafatamaan koomiishiina wal taasiiftuu kan ittisa balaa fi wabii nyaataa obbo Mihret Melaak baatii Muddee dabree dubbachuu isaanii gabasnee turre jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Forum