Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Nama Yaalii Ajjeechaa Traamp Irratti Raawwatee Ammallee Bayyee Hin Ibsamin Jira


Waa’een Nama Yaalii Ajjeechaa Traamp Irratti Raawwatee Ammallee Bayyee Hin Ibsamin Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:10 0:00

Dargaggeessi ganna 20 Toomaas Maatiiw Kirooks pirezidaantii duraanii ajjeesuutti dhihaate sun maaliif akka ta’e ammallee iccitiin isaa hin beekamii jira. Ollaan Kirooks akka jedhanti nama kopha galeessa beekaa hiriyyoota muraasa kan qabuu, miidiyaa hawaasaa irratti hirmaannaan qabu xiqqoo akkasumas amantaa siyaasaa cimaa kan hin qabne ta'uu ibsu. Waajirri tikaa (FBI) bilbila harkaa, kompiitara, manaa fi konkolaataa isaa erga sakatta’ee namoota 100 ol erga gaafatee boodas, iccitiin rasaasaan gurra Tiraamp irratti maaliif akka dhukaasa waan mul’ise hin qabu.kunis qorattoonni kaka'umsa ta'uu danda'u adda baasuuf carraaqqii godhan fashaleesse.

Hiriyoonni isaa kan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Beeteek Paark akka jedhanitti, Krooks qaroo ta'us yeroo baayyee waan gurratti ka’atan (headphone) jedhamu ka’achuun kan mul'atu yeroo laaqana kophaa taa'ee bilbila isaa ilaaluu filata jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG