Poolisiin dhorkaa kana kan beeksiise hiriira mormii Kamisa har’aa rakkoo bulchiinsa gaarii walin wal qabatee jiruun Wiiliyaam Ruutoo Pireezidaantiin biyyattii aangoo akka gadi lakkisu gaafachuuf waamicha taasifamaa ture hordofeeti. Akka namoota hiriira mormii kanaaf waamicha taasiisaa jiraniitti, namoonni mormii pireezidaantichaaf hiriira ba’an gara waajjira Pireezidaantichaatti imalanidha.
Bakka bu’aan ajajaa Poolisii Keeniyaa Inispeektar Duugilaas Kaanjaa ibsa kennaniin hanqinni hooggansaa waan jiruuf pirootokolii eegumsa nageenyaa taasiisuun rakkisaa waan ta’eef hiriira mormii kana taasiisuun dhorkamuu isaa himaniiru.
Namoonni hiriira mormiif Kamisa har’aa kan hin baane yommuu ta’u daandiin gara Waajjira Pireezidaantichaa geessu garuu humna poolisiin cufamee ooleera.
Hiriira mormii har’a Keeniyaa Naayiroobii keessatti taasifama jedhamee tureef manneen daldalaa hangi tokko cufaa kan tuaranii fi Poolisiin baay’inaan bobba’ee argameera.
Mormii Keeniyaa keessatti daballii gibiraa mormuun ji’a tokkoof deemsiifamaa jiruun hanga ammaatti namoonni 50 aajjeefamuu Komishiin mirga namoomaa Keeniiyaa ifoomseera.
Labsii daballii Gibiraa Keeniyaa gaafa waxabajjii 25 seera tumtoota biyyattiin mirkanaa’e kan Pireezidaantiin biyyattii hojiirra oolmaa isaaf mallatteessuu dhiisuun haquu beeksiisan lammiilee keeniyaa Mormiirraa hin dhaabne. Gaafii namoota hiriira mormii ba’anii kan ta’e Kaabineen misitirootaa biyyattii dandeettii dhabuu, malaanmaltummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii kaasaniif deebii kan ta’u pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo ministiroota Kaabinee isaanii fi abbaa alangaa walii galaa biyyattii torban darbe hojiirraa arii’uun isaanii ni yaadatama.
Forum