Tokkummaa Mootummootaa fi paartilee lamaan Sudaan keessatti wal waraanaa jiran gidduutti mariin taasifamaa ture tarkaanfii jalqabaa jajjabeessaa ta’e fudhateera jecuun jaarmayichii beeksisee jira. Wal Waraansiii kun Ebla bara 2023 irraa eegalee waraana Sudaan Abdel Fattah al-Burhan jala jiruu fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa gidduutti ka’aa ture.
Sudaanti,Ergamaan dhuunfaa kan Barreessaa duree Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Guterees Raamtaane Lamaamraa, gama lachuu irraa walgahiif Jeeneevaatti affeeruun marii gargaarsa namoomaa fi eegumsa lammiilee nagaa irratti xiyyeeffate gaggeessan. Mariin kun Lamamraan tokkoon tokkoon jila lameenii waliin kutaa adda addaa keessatti wal arguun gaggeeffamaa tureera. Jilli lamaan wal arguuf beellama hin qaban turan.Mariin kun Adooleessa 11 kan eegale yoo ta’u har’a xumuramuuf jira.
Ministirri Dhimma Alaa Aljeeriyaa duraanii Lamamraa fi gareen isaanii marii kana irratti walgahii gara 20 gaggeessaniiru. Dubbi himtuun Tokkummaa Mootummootaa Alessandraa Vellucci ibsa gaazexeessitootaaf Jenevaa keessatti tti kennaniin ,
Lamamraan “dhimmoota murteessoo haala Sudaan waliin walqabatan irratti jillii lameen ana waliin dubbachuuf fedhii qabaachuu isaaniitu jajjabeessaa dha jedhan.”
“Amma paartileen fedhini isa waliin hojjechuuf qaban hatattamaan gara guddina qabatamaatti akka hiikan, waliigalteewwan jiran hojiirra oolchuufis ta’e waadaa gama tokkoon galuu danda’aniiru jedhan”dubbii himtuun kun.
Kana malees, Lamamraan hoggansa paartilee wal waraanaa jiran lamaan waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatanis ibsanii jiru.
Forum