Hoogganaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaaseew raawwii hojii bara bajeetaa bara 2016 daandii qileensichaa ilaachisuun guyyaa kaleessaa Adooleessa 22 bara 2016 ibsa kennan irratti Aviyeeshiniin Siivilii Eriitiriyaa himannaawwan garaa garaa daandii qilleensa Itiyoophiyaarratti banuun Fulbaana 20 dhufurraa kaasee balallii gara Asmaraatti taasifamu dhorkuu ibsus himannnicha nuti hin fudhannu jedhan. Imaltoonni Eritiriyaa yommuu gara baiyya isaaniitti imalan meeshaaleen ykn Shaanxaan isaanii humna Xiyyaarichaan ol ta’uu isaa waliin wal qabatee turanii akka dhaqqaban kan ibsan Obbo Masfin dhimmi kunis dursee furmaata kan argatedha jedhaniiru.
Daandiin qileensaa Itiphiyaa uummatoota Itiyoophiyaa fi Eriitiriyaa gidduutti waliti dhufeenyi gaariin akka jiraatu taasisuu , nagaa daladallii fi Turizimiin akka jabaatuuf waggoota darbaniif ga’ee isaa ba’achaa tureera kan obbo Masfin dhorkii balallii kaa’ame kana Eriitiriyaan deebistee akka kaastuuf yaaliin taasifama jiras jedhaniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa karaa hojimaata idil Addunyaarraa maqeen loltoota deddeebisa jedhame himannaa irratti ka’uufis Karaa hojimaata Idil addunyaa eeggateen qofa loltoota bakkaa bakkatti imalchiifneerras jedhaniiru.
Bra bajaataa Itiyoophiyaa kanattis Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa galii doolaara biiliyoona 7 ol argachuun isa waggaa darbeeraa daballii dhibbeentaa 14 akka qabus hoggaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfi Xaasew Ibsaniiru jechuun Finfinneerraa Keeneedii Abaateetu gabaase.
Forum