Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Hidhattoonni Somaaliyaa Keessaa Lammiilee Isaa Gara Gareewwaan Isaaniitti Fo’achuun Hagana Yaaddessaa Miti, Jedha


Gareen hidhattoota Al-shabaab gara Itiyoophiyaatti seenuuf hidhattoota dhibbootaan lakkaa’aman ergee Itiyoophiyaa keessatti haleellaa kan bane ji’a amma keessa jirru kana waggaa lama guuteera. Gareen hidhattoota Al-shabaab kun hangi tokko isaanii yommuu ajjeefamuu gabaafamu kaan isaaniimmoo yeroo sana duubatti kan deebifame. Garuummoo gareen lamaanuu Al-shabaab fi murni xiqqaan garee Islaamummaa kan Naannoo Somaaliyaa Kaaba bahaa Puuntilaandi keessatti argamu lammiilee Itiyoophiyaa bobbaasuu itti fufuu isaanii mallattooleen agarsiisan jiraachuu ogeeyyiin nageenya naannichaa ni ibsu.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nabiyyuu Tedilaa Yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin dhaabni Shoroorkeessaa Al-shabaab naannoolee Gaanfa Afiriikaa fi Afiriikaa Bahaatti rakkoo nageenyaa fi tasgabbii dhabuu akkasumas balaa hamaa fidas jedhan. Itti dabaluunis carraaqqii gareen shoroorkeessitootaa kun daangaa darbuun namoota qacaruuf taasiisu fi dhiibbaa iinni uumuu malu hordoofii dursaa, odeeffannoo basaasaa walatti qabuunii fi michoota naannoo waliin ta’uun akkasumas loltoota Itiyoophiyaa ergama eegumsa nagaa Gamtaa Afiriikaaf Somaaliyaa keessa jiraniin balaan naegeenyaa hatattamaa ga’uu malu hafuu danda’uu isaaf galateeffataniiru.

Gareen lamaanuu Alshaabaabii fi IS Itiyoophiyaa keessatti tasgabbii dhabameen lammiilee Itiyoophiyaa qacarataniiru. IS keessumaa Viidiyoowwan Ololaa gadhiiseen lammiileen Itiyoophiyaa yommuu leenjii kennaafii jiru agarsiiseera.

Angawoonni Somaaliyaa kan naannoo Puuntilaandis taateewwan hedduu lammiilee Itiyoophiyaa naannoo gaara Al Miskaadtti garee IS ‘f lolaa jiran to’achuu, ajjeesuu fi seeratti dhiyyeessuu isaanii gabaasaa turan.

Gaafa Adooleessa 24 darbe kanas humnoonni nageenyaa Puuntilaand milishoota garee IS Lammii Zaanzibaar qabachuu isaanii fi innis garee morkataa isaanii Alshaababiin waraanuu irratti milishoota Itiyoophiyaa, Maalawwii fi Yemen irraa dhufan waliin hiriiruu isaa ibseeraaf.

Ji’a Guraandhalaa keessammoo Manni Murtii Puunti laandi lammiilee Morookoo ja’a irratti murtii du’aa fi lammii Itiyoophiyaa Tokkorrattimmoo waggaa hidhaa waggaa 10 murteessee ture.

Baay’inni loltoota IS duraan 100 hanga 400 ta’uu gabaafamaa kan ture bara kana keessa lakkoofsi isaanii dabaluu ogeessoonni walii galu. Birgaader Jeneeraal Abdii Hasan Huseen basaasaan duraanii fi Komaandarri Poolisii Puunti laandi lammiileen biyya alaa garichatti dabalamaniiran baay’inni isaanii 500 hanga 600 ta’u jechuun ibsaniiru. Baay’een isaanii biyyoota baha gidduu galeessaa fi Kaaba Afiriikaa irraa akka ta’anii fi lammiileen itiyoophiyaa baay’ina akka qabanaidha.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nebiyyuu Tadilaa immoo gama isaaniin Lammiileen Itiyoophiyaa garee Alshabaabiin qacaramuun mootummaa isaaf yeroo amma akka sodaa guddaatti hin ilaalamu. Gabaasni Kan Haaruun Maaruuf.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG