Labsii fooyya’insaa Imaammata diinagdee mootummaan Itiyoophiyaa torban kan baase hordoofuudhaan manni maree bakka bu’oota ummataa ya’ii guyaa har’aa Roobii Adoolessa 24 bara 2016 taasiseen waligaltee liqaa dhaabbilee maallaqa adduunyaa wajjin irra gahame irratti erga marii taasisee booda raggaasisee jira. miseensii mana maree tokko mormanii, tokko immoo sagalee kennuu irraa of qusataniiru.
Dilbata dheengadaa Adoolesaa 21 bara 2016 ibsaa labsii fooyya’insa imaamata dinngdee erga baasee boodaa, dhaabbanni baakii aduunyaa gargaarsaa fi liqii dabalatee doolaaraa Biiliyoonii tokkoo fi qabxii Shan raggaasisuu isaa guyyaa kaleesaa beeksisee jira.
Walgahii kana irratti argamuudhaan kan ibsa kennan ministirrii maallaqaa, obbo Ahimad Shiidee maallaqaa amma baankii Aduunyaa irraa argame doolaara Biliyoonii 1.5 akkasumas, gargaarsa dhaabbataa maallaqa aduunyaa irraa argamu doolaara Biliyoonii 3.4 keesaa dhibbeentaa 30 itti dabaluudhaan bajanni biyyatti haaraan dhiheenyatti akka paarlamaati dhihaatee raggasifamu beeksisaniiru.
Tarkaanfii fooyya’insaa imaammata diinagedee kan ordofuudhaan rakkina umamuu furuudhaaf mindaa hojjatoota mootumma, gatii bobaa’a fi Zayitaa, gatii xaa’oo kan qorchaa fi gommaa konkola’ataa gargaaruudhaaf maalaqinii dhaabbilee alaa irra argamee kun akka oolu kan ibsan obbo Ahimad Shidee, dhimoottan dinagdee kan irratti muumichii ministeeraa Abiy Ahmed guyyaa borii akka ibsa kennanu dubbachuu isaanii Kenedii Abaate Finfinne irraa gabaasera.
Forum