Umnii waraanaa Sudaan Roobii har’aa akka ibseetti, haleellaan Diroonii kun kan raawatee bakka baha Sudaanitti argamuu fi Jibeet jedhamee beekamuutti yemuu umnoottan waraanaa leenjii isaanii raawwatan eebifamaa turanitti. Hogganaan waraana Sudaan Abdul Fattah Burhaanii sirnaa eebaa kana irraa akka turan kan ibsee maddi oduu Rooyters Burhaaniin balaa kanaan akka midhaan irra hin geenyee beeksiseera.
Haleellaan kun Diroonota lamaan raawachuu isaan kan ibsee dubbii himaan waraana Sudaan namoonni sirnaa eebaa loltootaa sana irratti argaman Shan akka du’an beeksiseera. Umni warana Sudaan garee dafee qaqqabaa YKN RSF jedhamee beekamuufi Jeneraal Mahaamad Hamdaan Dagaalootiin hogganamuu wajjin loa keessa kan jiru yemmuu ta’u, gareen Hamdaan Dagaaloo haleellaa Diroonii kana akka hin raawwanne ibsuun isaa gabaasameera.
Haleellaan Droonii kuna bakka magaala Poort Sudaaniiti dhiheenyaa qabu irratti yemuu raawatu inni kun isaa jalqabaa akka ta’e kan ibse gabaasni madda oduu Royyiters, guyyoottan lamman darban keessa bakkaawan Koosti, Raabak, Kenaana fi Al Damer jedhaman keessatti haleellaan diroonii akka raawwatee ture ibseera. Bakka hoganaan waraana biyyalessa Sudaan jiranutti haleellan kun kan raawwate, marii dhukaasa dhaabuu yunaayitid Isteet fi Sa’ud Arabiyaadhaan qophaa’ee dhiheenya kan biyya Swizerlaand keessatti taasifamuuf jiru irratti hogganaan garee dafee qaqqabaa Mahamad Hamdaan Dagaaloo akka hirmaatan erga beeksisanii guyyoottan muraasa booda.
Walwaraansii Sudaan keessatti taasifamaa jiru rakkina namoomaa hamaa kan uumee akka ta’eef namoottan miiliyoonii 10 ti lakkawwaman akka jireenyaa isaanii irraa buqise gabaasam
Forum