Inistitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa Ibsa har’a baaseen Itiyoophiyaa keessatti Hagayya 1 boorii irraa kasee Roobni cimaan waan roobuuf battalatti laggeen guutuu, balaa lolaa ykn galoo akkasumas sigigni lafaa bakkoota garaa garaatti mudachuu mala jechuun ergaa akeekkachiisaa fuula miidiyaa hawwaasaa isaa “facebook” irratti maxxanseera. Akka raaga haala qilleensaa Inistitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaatti guyyoota 10 dhufan keessatti Rooba cimaa Robuun Naannoolee Tigiraay , Amahaaraa, Oromiyaa, Affaar, Beenishaangul Gumuz fi Naannoo gidduu galeessa Itiyoophiya bakkoota garaa garaatti sa’aatiiwwan 24 keessatti rooba miilii Meetirii 30 ol qabaachuu danda’as jedheera.
Rooba cimaa waqtii gannaa kanaa hordofee Itiyoophiyaa keessatti roobaa jiruun torbanoota lamaan darban kana keessatti qofa Kibba biyyattii bakkoota Afuritti balaa sigiga lafaa Mudataeen lubbuun namoota dhibbootaan lakkaa’amanii kan darbe yommuu ta’u qabeenya irrttaiis miidhaan ga’eeru guddaadha jechuun Hawaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase. Biyya Hindiittimmoo sigiga lafaa Roobii har’aa mudateen lubbuun namoota 151 yommuu darbu kanneen 186 ta’anirrammoo miidhaan dhaqqabeera. Balaan kun kibba biyyattii naannoo Kerala aanaa Wayanaditti kana qaqqabe yommuu ta’u manneen jireenyaa akkasumas mukoonni jijjiguu fi riqichoonni diigamuun mul’ateera. Hojjeetoonni baraarsitootaa 300 ol namoota sigiga lafaa kanaan liqimfamaniiraan barbaaduutti fi baasuutti jiru. Akka Angawoonni naannoo beeksiisan sababa balaa dhaqqabe kanaan namoonni 3000 bakkichaa akka baafaman taasifameera.
Forum