Akka angawoonni mootummaa fi qaamooleen nageenyaa ibsanitti ganda Kawurii kan magaalaa guddoo naannoo bulchiinsa Bornoo irraa Kiiloometira 50 fagaattee argamtu akka sa’aatii naannootti galga’a sa’aatii lama irratti namoonni Kaafteeriyaa keessa ta’aanii yommuu jiranitti dhohinsa boombii raawwateen namoonni 19 yommuu ajjeefaman kanneen 20 ol ta’animmoo madaa’aniiru. Angawoonni akka beeksiisanitti bombichi kan badanii balleessuutiin dhohe osoo hin taane hidhamee kan taa’eeru jedhan. Qaamni itti gafaatamummaa fudhate hanga ammaatti jiraachuu baatus gareen jihaadistii Bokoo haram fi finxaaleeyyiin leelliistoota Islaamummaa kan biyyoota Lixa Afiriikaa Naayijeeriyaa , bulchinsa naannoo Bornoo keessatti sochii akka qabanidha.
Akka gabaasa miidiyaalee naannoo sanaatti Erga balaan kun dhaqqabeen boodas naannicha keessatti dhorkiin sochii namootaa fi konkolaataa irratti ka’aameera.
Forum