Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaala Hogganaa Hamaas Dhiheenya Ajjeefamee Iraan Keessatti Geggeeffame


Lammiilee Iraan sirna awwaalchaa hoggana Hamaas irratti suuraa isaa qabatanii bahan, Hagayya 1, 2024.
Lammiilee Iraan sirna awwaalchaa hoggana Hamaas irratti suuraa isaa qabatanii bahan, Hagayya 1, 2024.

Sirni gaggeessaa hoogganaa Siyaasaa garee Hamaas Iraan keessatti ajjeefamee Kamisa har’aa achuma Iraan Keessatti raawwateera. Duuti hooganaa siyaasaa garee Hamaas kun Tehiraaniin alatti walitti bu’insa naannicha keessa jiru daran hammeessuu malas jedhamaa jira.

Sirna gaggeessaa reeffa hogganaa siyaasaa Garee Hamaas Haniyyee irratti hoogganaan ol aanaan Iraan Ayatollaah Ali Kjameni akkasumas pireezidaantiin haaraa Iraan Masuud Pezeeshikiyaan irratti argamaniiru. Yyeen hoogganaan siyaasaa garee Hamaas Iraan Tehiraanitti kan argamaniiran sirna kakuu rawwaannaa Pireezidaantii haraa Iraan Masuud Peezeshikiyaan irratti hirmaachuufidha kan jedhe Hamaas Sirni awwaalcha isaa Jimaata boorii bakka inni buufatee jiru biyya Kaataaritti tasifaama jedheera.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetis Anatanii Biliinkan daawwannaa hojiif Mongoliyaa kan jiran Kamisa kana ibsa kennan keessatti waa’ee Ajjeechaa hoogganaa siyaasaa garee Hamaas kanarratti kallattiin osoo hin dubbatiin haalli nageenya biyyoota baha gidduu galeessaa tasgabbaa’uu qaba jedhaniiru.

Hoogganaa ol aanaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh Roobii kaleessaa Ibsa kennan keessatti ajjeefamuun Haniyyee akkasumas Ajajan waraanaa Hizboollaah Beeruut keessatti Israa’eeliin ajjeefamuun naannicha keessatti balaa uumammee jiru kan ol kaasu jechuun himan.

Israa’eel Kibxata darbe halleellaa qilleensarraan ajajaa waraanaa Hizboollaah Beeruut keessatti ajjeesuu ishee ibsiteetti. Sababiin isaas haleellaa gaafa Adooleessa 27 lafa bulchiinsa Isra’eel ta’e Golan Heeyits keessatti Hiboollaan fudhatamee daa’ammanii fi dargaggoota 12 galafaate kan Ajaje ajajaa waraanaa Hizboollaah amma ajjeefame Fu’aad Shukuridhas jechuunidha. Israa’eel Ajjaachaa Fu’aad Shukuriif itti gaafatamummaa fudhattus ajjeechaa Haniyyee hogganaa siyaasaa garee Hamaasirratti garuu hanga ammaa yaada hin kennine.

Walii galteen waraana dhaabuu Israa’eelii fi Hamaas gidduutti akka taasifamuuf Kaatar, Masirii fi yuunaayitid Isteetisi ji’ootaaf qaamoolee lamaan waliin dubbachaa turanis Roobii kaleessaarraa kaasee erga ajjeechaan Haniyyee irratti raawwatamee garuu adeemsichi gaaffii jala waan seene fakkaata.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Antanii Biliinkeen Roobii kaleessaa bilbilaan Ministira muummee Kaataar Sheeyik Mohaammed Bin Abdulrahamaan Al Tihaanii waliin marii taasisaniin Waraana Gaazaa keessaa kka dhabbatuu fi booji’amtoonni akka gadhiifaman akkasumas Uummata Paaleestiin rakkachaa jiruuf daangaan hundi banaa akka ta’u cimsanii hojjechuu akka itti fufan himaniiru.

Gama biraatiin Yuunaayitid Isteetisi lammiileen ishee Liibanoon keessaa akka ba’an akkasumas imala gara sanaatti akka hin taasifne akeekkachiifteetti. Biriiteenii fi Awustiraaliyaanis ergaa wal fakkaataa lammilee isaaniif dabarsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG