Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Bokkaa Jabaa Roobe Irraa Balaa Mudateen Namoonni 9 Du'uun Himame 


FAAYILII - Galoo magaala Alikadroo an kaartum irraa fageenya kilomeetirii diigdamaa fagaattutti gahe, Fulbaana 5, 2020.
FAAYILII - Galoo magaala Alikadroo an kaartum irraa fageenya kilomeetirii diigdamaa fagaattutti gahe, Fulbaana 5, 2020.

Maddi oduu Ajaans Firaans Press hojjatoota hospitaala Abuu Haamdaa waabefachuudhaan akka gabaasetti, rooba cimaa gama Kaaba Sudaan kutaa Naayil keessatti roobeen ,gamoowwan jijiganii namoonii sagal du’uunii kaan kumaatamaan lakkaawaman immoo gargaarsaaf saaxilamaniiru.

Biyyaa ji’oottan 16 darbaniif walwaraansaan qabamtee jirtu Sudaan keessatti waggaa waggaadhaan ji’a Hagayyaa keessa roobaa jabaa roobuu lagnii Naayil guutee lolaa umamuun manoottan hedduun jijjiganii, bu’uraaleen misoomaa akka manca’an kan ibse gabaasnii AFP torban darbees magaalaa Poort Sudaan keessatti balaa lolaa bishaanii umameen namoottan Shan du’aniiru.

Sababa walwaraansa biyyatti keessatti adeemaa jiruun dhiheesiin gargaarsa namoomaa gufaachuu isaa kan ibsan dhaabileen gargaarsaa, namoottan balaa roobaa kanaan midhamaniif gargaarsaa qaqqabsiisuun rakkisaa ta’uu akka danda’u hubachisaniiru.

Walwaraansaa Sudaan keessatti taasifamaa jiruun lammileen biyyatti miiliyoonii 10.5 ta’an gargaarsa namoomaatiif saaxilamuu isaanii kan ibsan dhaabileen gargaarsa namoomaa, namoottam miiliyoona walakkaa ta’an, mooraa Kaaba Sudaanitti argamufi Zamzam jedhamu keessa jiran dhiheesiin gargaarsa namoomaa waan gufateef balaa beelaatiif saaxilamuu isaanii beeksisanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG