Magaalaa guddoo Somaaliyaa keessatti uggura yeroo dheeraa dhaaf kaa’ame hojii irra oolchuuf jecha haguuggii fuulaa dhibbaan laka’amu dubartoota irraa fuuchuu poolisiin biyyattii Kibxata darbe beeksisee jira. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti san booda Niqaabawwan sun ni gubaman.
Angawoonni bulchiinsa kibbaa Jubaland bara 2021 magaalaa buufata doonii Kismaayoo keessatti sababa nageenyaaf jecha niqaaba guutummaan fuula golgu dubartoonni Musliimaa tokko tokko uffatan irratti uggura kaa'ani iiyyuu, labsiin kun bal'inaan akka hin hordofamne dubbatan. Poolisiin haguuggii fuulaa dubartoota dhibbaan laka’aman kanneen seera jiru cabsan irraa mulquu isaa komiishinerri poolisii Kismaayoo Koloneel Warsaamee Ahimed AFPf ibsaniiru.
Poolisiinis duula gandeen guutummaa Kismaayoo keessatti Adoolessa 31 qabee kan jalqabu yoo ta’u, dubartoota Niqaaba uffatanii argaman akka qajeelfama kennametti akka adabaman akkasumas to’annaa jalajoolchuu ni jalqaba jedhan. Kun kan ta’e Al-Shabaab haleellaa raawwachuf dubartoota of fakkeessuun haguuggii fuulaatti fayyadamanii haleellaa raawwachuu malu yaaddoon jedhu waan jiruuf jechuu dhaan garee jihaadaa kanneen yeroo dheeraaf lola dhiiga dhangalaasise mootummaa giddu galeessa biyyattii laaffataa ta’e irratti duulan eeruun ibsaniiru.
Magaala galma mootummaa biyyattii keessatti baatilee darbe haleellaa suukaneessaa raawwatameen, jimaata darbe dugdee galaanaa namni itti heddummaatetti haleellaan of wareegaa fi qawwee raawwatameen namooni 37 du’aniiru. Haleellaa sanaafis garee al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate. Angawoonni mootummaa akka jedhanitti haleellaan sun baatii Adoolessaa keessa ennaa maadhee waraanaa Jublaand irratti haleellaa raawwatan kan ajjeefaman loltoota al-Shabaabiif ijaa ba’uuf jecha. Hauuggiin fuulaa ykn Niqaabi sababaa nageenyaaf jecha magaalaa gama kibbaa Baa’ido’aa fi Doloow keessatti angawootaan ugguramee jira.
Forum