Hogganaan dhaabbata daandii qileensaa Ityoophiyaa, obbo Masfin Xaaseewu dhimma kana irratti ibsaa kenaniin, buufanni xiyyaaraa haaraan Afrikaa keessaa guddaa ta’e kun kan ijaaramuu naannoo magaala Bishooftuuti yemmuu ta’u, ijaarsaa bakka lammatti qoodaamee taasifamuun waggootan shan dhufan keessatti marsaan jalqabaa akka raawwatu karioorfamee jira. Marsaa duraa kana xumuruudhaaf baasiin doolaaraa Biiliyoonii 6 akka itti bahu hogganaan dhaabatichaa beeksisaniiru.
Waligalteen kun hogganaa dhaabataa daandii qileensaa Ityoophiyaa Obbo masfin Xaaseewu fi bakka bu’aa dhaabata idilee adduunyaa Daar jedhamuu obbo Tariiq Alqaanii wajjin Hagayya 3 bara 2016 mallateesamuun isaa beekameera. Kutaan jalqabaa buufatichaa yemmuu xumuramu waggaatti namoottan miiliyoonii 60 akka keesummeesuu fi yemmuu guutummatti xumuramu immoo maamiltoota miiliyoonii 100 keesumeesuu akka danda’u ibsameeraa.
Sababa ijaarsa kanatiin kan ka’ee namoottan lafa isaanii irraa buqqa’anu 2500 ta’un deebisanii qubachiisuudhaaf bulchiinsaa magaalaa Bishooftuu wajjin hojjachaa akka jiramuu kan ibsan obbo Masfin Xaaseewu namoottan kanaafi mana jireenyaa dabalatee gargaarsii jireenya isaaniitiif barbaachisu adda adda akka taasifamuuf insaniiru. Buufatiin xiyaaraa kun liqiidhaan kan ijaaramuu ta’uu isaa kan ibsan hogganaan dhaabbatichaa buufatichaa magaala Finfinee wajjin daandii baabura saffisaatiin akka walquunasisamus eeramuu isaa Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum