Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Turkiitti Walga’anii Wal-dhibdee Gidduu Isaniirratti Dubbachuuf Jiran


Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Turkiitti Walga’anii Wal-dhibdee Gidduu Isaniirratti Dubbachuuf Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Ministeerri dhimma alaa Tarkii Hakan Fiidaan magaala Ankaaraa keessatti ibsaa kennaniini mariin ministeerota dhimma alaa biyyoottan lammanii marsaa lammafaan torban dhufu keessa Ankaaraa keessatti itti fufa. Haakaan Fiidhaan ibsaa kana kan kennaan Itiyoophiyaa daawwatanii erga debi’anii torbana tokkoo booda yemmuu ta’u, Yemmuu Finfinee keessa turan muummichaa ministeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimed wajjin dhimmichaa irratti baldhinaan dubbachuu isaanii kan ibsan ministeerri dhimma alaa Tarkii, akkaata Ityoophiyaan ulaa galaanaa argachuu dandeesuufi akkaataa walabummaan daangaa Somaliyaa hin tuqamneen waldhabeen biyyoottan lamman gidduu jiru akka furmaata argatuu taasissuudhaan muddamnii jiru akka raawwatuu taasifamuu qaba jedhaniiru.

Ministerronni dhimma alla Ityoophiyaa fi Somaaliyaa ji’a darbee Ankaaraa keessatti waa’ee waldhabdee biyyootan lamman giduu jiru irratti ittuu fuulaan wal hin argiin dubbatanii , deebi’anii wal arguudhaaf beelammni akka qabamee gabaasamuun isaa ni yaadatama. Ityoophiyaan Ulaa galaana argachuudhaaf jechaa kutaa Somaliilaandii wajjin waligaltee irraa gahuu ishee erga beeksiftee booda, mootummaan Somaliyaa ambaasadara Ityoophiyaa Moqaadishoo jiran biyyaatti deebisuun isaa fi waraanni Ityoophiyaa gamtaa Afrikaa jalatti hojii naga eegdumaa irra jiru akka biyyaa isaanii keessaa bahu haanga’onii mootummaa Somaliyaa gaafachuun isaanii ni beekama.

Dhiheenya kana keesaa Somaliyaa wajjin kan firuummaa jabeeffatte Tarkiin Moqaadishoo keessatti manoottan baruumsaa, Hospitaalota fi bu’uuraalee miisoomaa ijaaruudhaan alatti, lammilen Somaliiyaa akka Turkii keessatti baratan carraa baruumsaa kennaa jiraachuun ishee gabaasamee jira. Bara 2017 buufata waraanaa Somaliyaa keessatti kan hundeeffate, Tarkiin bara kan immoo waliigaltee ittisaa fi diinagdee Somaaliyaa wajjin mallateesuun ishee beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG