Gaazaa keessatti walii galtee waraana dhaabuu taasisuuf gidduu seentummaa Yuunaayitid Isteetisii, Masirii fi Kaataariin guyyoota Lamaaf Kamisa kaleessaa fi jimaata har’aa Dohaatti taa’amaa kan ture wal hubannaarra ga’amuu kanneen maricha gaggeessaa jiran ibsan. Haaluma kanaanis walii galtee waraana dhaabuu garee Hamaasii fi Israa’eel gidduutti mallatteessuuf torbaanota dhufan keessatti Masiriitti akka gaggeeffamus ibsa isaanii jimaata har’aan himaniiru.
Biyyoonni sadan qaamoolee wal waraanaa jiran gidduu seenanii jiran kun haala hojii irra oolmaa isaa fi waantoota walii galticharra taa’an bal’inaan guyyoota dhufan keessatti ibsuuf akka jiranis beeksiisaniiru. Gareen Hamaas amma marii kanarrtti kallattiin hin hirmaanne Israa’eel yaada wixinee Yuunaayitid Isteetiisii fi deeggartooni idil addunyaa kanaan dura kaa’anirratti yaada biraa ida’ee dhufeera jechuun qeeqa irratti dhiyyeesseera. Gareen lamaanuu yaada pireezidaanti Joo Baayideen gaafa Caamsaa 31 labsan irratti walii galaniirus jedhameera.
Lammiileen Israa’eel gama isaaniin mariin Dohaatti jalbameera jedhamu kun namoota gaafa Onkoloolessa 7 garee Hamaasiin butamanii fudhatamaniiranii 115 ammayyuu harka Hamaas jiranii deebisiisuuf abdii isa dhumaa ta’a jechaa jiru.. Lamiilee biyya alaa fi Israa’eel dabalatee namoota 240 Hamaasiin guyyaa sana ukkamfamanii fudhatamaniiran keessaa tokko kan taate Keet Sigeel abbaa warraa ishee waliin butamtee kan turte isheen amma kan gadhiifamteettu walii galteen kun yoo taasifame abbaa manaa ishee lubbuun akka argatu abdii qabdi.Mariin waraana dhaabuu al kallattiin amma jalqabeera jedhamu kun Humni waraanaa Israa’eel Beeruut keessatti hoogganaa Heezboollaah erga ajjeesee torbaan lamaa booda akkasumas hoogganaan dame siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Hanniyyee Iraan keessatti erga ajjeefameen boodadha. Maatiin firoottan isaanii Garee Hamaasiin gaafa Onkolooleessa 7 ukkaamfanii fudhatamaniiranii garuu turtii ji’oota 10’n booda mariin waraana dhaabuu kun walii galteerra ga’amee firoottan isaanii deebi’anii arguuf ammayyuu abdiin eegaa jiru.
Forum