Sadarkaan hokkaraa hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatamu baratamaa dhufe ''fudhatama kan hin qabne'' dha jechuun kan balaaleeffate Tokkummaan Mootummootaa, bara 2023 keessa addunyaa guutuu keessatti 280 ajjeefamuu ibse. Waraanni Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiru bara kana du’a akkasii daran hammeessuu akka danda’us akeekkachiisee jira.
Itti aanaan daayreektarri Waajjira Qindeessa Dhimmoota gargaarsa Namoomaa (OCHA) kan Tokkummaa Mootummoota Jooyiis Msuya ibsa baasaniin, “Hokkora hojjettoota gargaarsaa irratti raawwatamu baratamaa deemuun fudhatama hin qabu. Hojii gargaarsaa bakka hundatti gaggeeffamuuf fudhatama kan hin qabne, ta’u isaaf miidhaa guddaa kan geessisudha,” jedhan Guyyaa Gargaarsa Namoomaa kan Addunyaa ilaalchisee ibsa basan keessatti.
“Waggaa darbe biyyoota 33 keessatti hojjettoonni gargaarsaa 280 kan ajjeefaman yoo ta’u, barri 2023 hawaasa gargaarsa namoomaa addunyaa irratti bara du’a guddaa itti galmeesse dha,” jechuun waggaa lama dura jechuun bara 2022 yeroo hojjettoonni gargaarsaa 118 du’an irraa dhibbeentaa 137n dabaleera jedha ibii ba’e kun.
Kuusaa Odeeffannoo Nageenyaa kan Hojjetoota Gargaarsaa kan lakkoofsa akkanaa bara 1997tti hordofee akka ture caqaseera. Tokkummaan Mootummootaa akka jedhetti, namoota bara 2023 du’an keessaa walakkaan ol ykn 163, hojjettoota gargaarsaa ji’oota sadan jalqabaa waraana Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffame keessatti Gaazaatti ajjeefaman yoo ta’u, Sudaan Kibbaa fi Sudaan keessatti, namoonni 34 fi 25 du’aniiru.
Akkasumas tarree 10n duraa keessaa Israa’elii fi Sooriyaa yoo ta’an, tokkoon tokkoon isaanii namoota torba keessatti du’aniiru; Itiyoophiyaa fi Yukireen, tokkoon tokkoon isaanii namoota 6 du’aniiru; Somaaliyaa lubbuu namoota shan; akkasumas namoonni afur Miyanmaar fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti du’aniiru.
Forum